Oromo of Ethiopia.

JOHN

John 1

Dubbiin Foon Ta'uu Isaa

1 Jalqabatti dubbiittu ture; dubbichis Waaqayyo wajjiin ture; dubbiin sunis Waaqayyo ture. 2 Innis jalqabatti Waaqayyo wajjiin ture. 3 Wanni hundinuu isaan uumame; waan uumame hunda keessaas wanni isaan malee uumame tokkoyyuu hin turre. 4 Jireenni isa keessa ture; jireenni sunis ifa namootaa ture. 5 Ifti sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanichis isa hin moo'anne. 6 Nama Waaqayyo biraa ergame kan maqaani isaa Yohaannis jedhamu tokkottu ture. 7 Innis akka namni martinuu amanuuf dhuga-baatuu ta'ee waayee ifichaa dhugaa ba'uuf dhufe. 8 Waayee ifa sanaa dhugaa ba'uu dhufe malee inni mataani isaa ifa hin turre. 9 Ifichi inni dhugaani nama cufaaf ifa kennu sun gara biyya lafaa dhufaa ture. 10 Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaa isaan uumame; biyyi lafaa garuu isa hin beenne. 11 Innis gara biyya isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin simanne. 12 Warra isa simatanii maqaa isaatti amananiif garuu ijoollee Waaqayyoo akka ta'an mirga kenneef. 13 Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne. 14 Dubbiin foon ta'e; innis ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee nu jidduu jiraate. Nus ulfinna isaa, ulfinna ilmi tokkichi Abbaa biratti qabu argineerra. 15 Yohaannisis waayee isaa dhugaa ba'e; sagalee isaas ol-fudhatee akkana jedhe; "inni kun isa ani waayee isaa, 'inni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii' jedhe sanaadha." 16 Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra. 17 Seerri karaa Muuseetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaani garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe. 18 Eenyuyyuu takkumaa Waaqa hin argine; garuu ilma isaa tokkicha isa Abbaa isaa bira jiru sanattu isa beessise.

Yohaannis Cuuphaan Akka Ufii Isaatii Kiristoos Hin Ta'in Dubbate

19 Yommuu yihuudonni lubootaa fi Leewota Yerusaalemi Yohaannisitti erganii, "ati eenyu?" jedhanii gaafachiisanitti dhuga-ba'umsi Yohaannis kenne akka kanaa gaditti jiruu dha; 20 Innis, "ani Kiristoosii miti" jedhee muldhinnaan dhugaa ba'e malee dhugaa ba'uu hin dhiifne. 21 Isaanis, "yoos ati eenyu ree? Eliyaas moo?" jedhanii isa gaafatan. Innis, "ani isaa miti" jedhee deebiseef. Isaanis, "yoos ati raajichaa ree?" jedhaniin. Inni immoo, "lakkii" jedheen. 22 Isaanis, "ati eennu ree? akka warra nu ergetti himnuuf ati waayee kee maal jetta?" jedhaniin. 23 Yohaannisis deebisee, "akkuma Isaayyaas raagichi dubbate sana ani qoonqa nama lafa onaa keessaa, 'gooftaaf karaa qajeelchaa' jedhee iyyuu ti" jedheen. 24 Fariisonni ergaman tokko tokkos, 25 Akkana jedhanii isa gaafatan; "ati erga Kiristoos yookaan Eliyaas yookaan raagicha ta'uu baattee maaliif cuuphxa ree?" 26 Yohaannis ammoo akkana jedhee deebiseef; "ani bishaaniin nan cuupha; namni isin hin beenne tokko garuu isin jidduu dhaabatee jira. 27 Innis isa na duubaan dhufuu dha; hidhaa kophee isaallee hiikuuni naaf hin malu." 28 Kun hundi Yordaanos gama bakka Yohaannis itti cuuphaa ture Biitaaniyaa keessatti ta'e.

Yesuus Hoolaa Waaqayyoo

29 Guyyaa itti aanutti Yohaannis otoo Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; "ilaa hoolaa Waaqayyoo kan cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu! 30 Inni ani, 'inni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waayee isaa dubbadhe sun isa kana. 31 Ani mataani kiyyayyuu isa hin beenne ture; sababiini ani bisaaniin cuuphaa dhufeef garuu akka inni saba Israa'eliitti muldhifamuuf." 32 Itti fufees Yohaannis akkana jedhee dhugaa ba'e; "Ani otoo hafuurri akka gugeetti samii irraa gadi bu'ee isa irra qubatuu nan arge. 33 Inni akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge sun 'namichi ati otoo hafuura gadi bu'ee isa irra qubatuu argitu, sun, isa hafuura Qulqulluudhaan cuuphuu dha' jedhee otoo natti himuu baate aniyyuu isa hin beeku ture. 34 Anis argeera; akka inni ilma Waaqayyoo ta'es dhugaa ba'eera."

Barattoota Yesuusi Warra Jalqabaa

35 Guyyaa itti aanutti Yohaannis barattoota isaa keessaa namoota lama waliin dhaabachaa ture. 36 Innis otoo Yesuus achi irra dabruu argee, "ilaa hoolaa Waaqayyoo!" jedhe. 37 Barattoonni lamaan isaa waan kana dubbatu dhagayanii Yesuusin hordofan. 38 Yesuusis gargalee ilaalee isa hordofuu isaanii argee, "isin maal barbaaddu?" jedheen. Isaanis, "rabbii, eessa jiraatta?" jedhaniin. Rabbii jechuuni barsiisaa jechuu dha. 39 Innis, "koottaa ilaalaa" jedheen Isaanis dhaqanii eessa akka inni jiraatu argan; gaafa sanas isa wajjiin oolan; yeroon sunis gara sa'aatii kudhanii ture. 40 Warra waan Yohaannis dubbate dhagayanii Yesuus faana bu'an keessaa inni tokko Indiriyaas obboleessa Simoon Pheexiroosi ture. 41 Innis duraan dursee obboleessa isaa Simoonin argatee, "nu Masiihii arganneerra" jedheen; Masiihii jechuun Kiristoos jechuu dha. 42 Indiriyaasis Simoonin gara Yesuusitti fide. Yesuusis isa ilaalee, "ati Simoon ilma Yohaannisi Keefaa jedhamtee ni waamamta" jedheen. Keefaa jechuuni Pheexiroos jechuu dha.

Yesuus Filiphoosii Fi Naatinaa'elin Waamuu Isaa

43 Yesuusis guyyaa itti aanutti Galiilaa dhaquu barbaade; innis Filiphoosin argee, "na hordofi" jedheen. 44 Filiphoosis akkuma Indiriyaasii fi akkuma Pheexiroosi nama magaalaa Beet-Sayidaa ture. 45 Filiphoos Naatinaa'elin argee, " isa Muuseen kitaaba seeraa keessatti waayee isaa barreesse fi isa raagonnis waayee isaa barreessan, Ilma Yooseefi, Yesuus nama Naazireeti arganneerra" jedheen. 46 Naatinaa'elis, "Naazireet keessaa wanni gaariin bawuu ni danda'aa?" jedhee gaafate. Filiphoosis, "koottuu ilaali" jedheen. 47 Yesuusis otoo Naatinaa'el gara isaa dhufuu argee, "ilaa, nama Israa'eli isa dhugaa, kan sobni keessa hin jirre" jedhee waayee isaa dubbate. 48 Naatinaa'elis, "ati eessatti na beetta?" jedhee gaafate. Yesuusis, "otoo Filiphoos si hin waamin dura yeroo ati muka harbuu jala turtettin si arge" jedheen. 49 Naatinaa'elis, "yaa barsiisaa, ati ilma Waaqayyoo ti! ati mootii Israa'eli" jedheen. 50 Yesuusis akkana jedheen, "ati sababii ani muka harbuu jalatti si arge siin jedheef amantaa? Waan kana caaluyyuu arguuf jirta." 51 Innis itti ida'ee, "ani dhuguman isiniin jedha; samiin banamee otoo Maleekkonni Waaqayyoo ilma namaa irra ol-ba'anii gadi bu'anuu ni argitu" jedheen.

John 2

Yesuus Bishaani Gara Daadhii Wayiniitti Jijjiiruu Isaa

1 Guyyaa sadaffaatti kutaa Biyya Galiilaa magaalaa Qaanaa keessa jila fuudhaa fi heerumaattu ture; Haatii Yesuusiis achi turte. 2 Yesuusii fi barattoonni isaa gara jila sanaatti waamamanii turan. 3 Yommuu Dadhiini wayinii dhumetti haatii Yesuusi, "jarri dadhii wayinii hin qaban" isaan jette. 4 Yesuusis deebisee, "dubartiinana! maal godhi naan jetta? Yerooni koo ammallee hin geenye" jedheen. 5 Haati isaas tajaajiltootaan, "waan inni isinitti himu mara godhaa" jette. 6 Gaaniiwwan dhagaa ja'a sirna qulqulleessu Yihuudotaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 7 5 hanga 115 qabata ture. 7 Yesuus tajaajiltootaan, "gaaniiwwanitti bishaan guutaa" jedhe; isaanis hanga afaan gaaniiwwaniitti guutan. 8 Innis, "egaa budduussaatii abbaa cidhaatti kennaa" jedheen. Isaanis akkasuma godhan. 9 Abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiirame sana dhandhamatee ilaale; daadhiini wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanittu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis dhiirsa misirroo kophaatti waamee, 10 Akkana jedheen; "namni cufti daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiyeessee, eegii keessumoonni quufanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiyeessa; ati garuu daadhii gaarii hanga ammaatti tursite." 11 Yesuus milikkitoota isaa keessaa isa jalqabaa kana biyya Galiilaa keessatti magaalaa Qaanaatti hojjate; ulfinna isaas ni muldhise; barattoonni isaas isatti amanan.

Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu Isaa

12 Kana booddee haadha isaa, obboleeyyan isaatii fi barattoota isaa waliin Qifirnaahomitti gadi bu'e. Isaanis bultii gabaabduu achi turan. 13 Yesuusis waan faasikaan Yihuudotaa dhiyaateef Yerusaalemitti ol-ba'e; 14 Mana qulqullummaa keessattis warra sangoota, hoolotaa fi gugeewwan gurguranii fi warra horii waljijjiiran arge. 15 Innis qaccee quncee dha'atee sangootaa fi hoolota hundumaa mana qulqullummaa keessaa ari'e; horii warra beesaa jijjiiraniis bittinneesse; minjaala isaaniis ni garagalche. 16 Warra gugee gurguraniinis, "kana hundumaa asii baasaa! Mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa!" jedhe. 17 Yeroo kana barattoonni isaa, "hinaaffaan mana keetii na gugguba" jedhamee akka barreeffame qaabatan. 18 Yihuudonnis deebisanii, "kana cufa hojjachuuf akka aangoo qabdu mirkaneessuuf milikkita maalii nutti agarsiifta?" jedhanii isa gaafatan. 19 Yesuusis, "isin mana qulqullummaa kana diigaa; ani immoo guyyaa sadiitti deebisee nan ijaara" jedheen. 20 Yihuudonnis deebisanii, "mana Qulqullummaa kana ijaaruuni waggaa afurtamii ja'a fudhate; ati immoo guyyaa sadii keessatti ijaartaa?” jedhaniin. 21 Manni qulqullummaa kan inni waayee isaa dubbate sun garuu nafa isaa ti. 22 Eega inni du'aa ka'ee booddees barattoonni isaa waan inni dubbatee ture sana yaadatan; isaanis kitaabaa fi dubbii Yesuus dubbate amanan. 23 Yeroo inni ayyaana Faasikaatiif jedhee Yerusaalem turetti namoonni baay'eeni milikkita inni hojjate arganii maqaa isaatti amanan. 24 Yesuus garuu waan nama hunda beekuuf, amanee isaanitti of-hin kennine. 25 Akka namni tokkoyyuu waayee namaa isaaf dhugeessu isa hin barbaachifne; inni waan nama keessa jiru beeka tureetii.

John 3

Yesuus Niqoodimoosin Barsiisuu Isaa

1 Fariisota keessaas namicha Niqoodimoos jedhamu bulchaa Yihuudotaa tokkottu ture; 2 Innis halkaniin Yesuus bira dhaqee, "yaa barsiisaa, ati barsiisaa Waaqa biraa dhufte akka taate nu beenna; nama Waaqni isa waliin jiru malee namni milikkita ati hojjattu kana hojjachuu danda'u tokkoyyuu hin jiruutii" jedheen. 3 Yesuusis deebisee, "ani dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda'u" jedheen. 4 Niqoodimoosis, "namni erga dulloomeen duubatti akkamitti dhalachuu danda'a? Dhalachuuf jedhee lammata garaa haadha isaa keessa seenuu danda'aa?" jedhee gaafate. 5 Yesuusis akkana jedhee deebiseef, "ani dhuguman sitti hima; namni bisaanii fi Hafuura Qulqulluu irraa dhalachuu baannaan mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u. 6 Kan foon irraa dhalate inni foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu Hafuura.7 Isa ani, 'ati lammata dhalachuu qabda ' siin jedhe hin dinqifatin. 8 Qilleensi gara fedhetti qilleensa'a; atis huursuu isaa dhageetta malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beettu; Namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma." 9 Niqoodimoosis, "kun akkamitti ta'uu danda'a?" jedhee gaafate. 10 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "ati otoo barsiisaa Israa'eli taatee jirtuu waan kana hin beettuu? 11 Ani dhuguman sitti hima; nu waan beennu dubbanna; waan argines ni dhugeessina; isin garuu dhugeessuu keenya hin fudhattan. 12 Yommuu ani waayee waan biyya lafaa isinitti himu erga hin amanne, yommuu ani waayee waan samii irraa isinitti himu akkamitti amantu ree? 13 ilma namaa isa samii irraa gadi bu'e malee eennuyyuu samiitti ol hin baane. 14 Akkuma Muuseeni lafa aloo keessatti bofa fannise sana ilmi namaas fannifamuu qaba. 15 Kunis akka namni isatti amanu cufti jireenya barabaraa qabaatuuf. 16 Akka namni isatti amanu marti jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin banneef, Waaqayyo hanga ilma isaa tokkicha kennutti akka malee addunyaa jaalateeraatii. 17 Sababiini Waaqayyo ilma isaa gara biyya lafaatti ergeef, biyya lafaatti muruuf otoo hin ta'in, karaaa ilma isaatiin biyya lafaa fayyisuuf. 18 Nama isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti hin amaniniif ammumayyuu itti murameera. 19 Murtiin sunis isa kana; ifni gara biyya lafaa dhufe; namoonni garuu waan hujiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaalatan. 20 Namni waan hamaa hojjatu hundinuu ifa jibba; akka hujiin isaa ifatti hin baaneefis gara ifaa hin dhufu. 21 Namni dhugaa hojjatu hundinuu garuu akka hujiin isaa Waaqayyoon hojjatamuuni isaa muldhatuuf gara ifaa dhufa."

Yohaannis Cuuphaan Waayee Yesuusi Dhugaa Ba'uu Isaa

22 Kana booddee Yesuusii fi barattoonni isaa gara biyya Yihuudaa dhaqan; innis isaan wajjiin achi ture; ni cuuphas ture. 23 Yohaannisis naannoo Saalemi bakka Heenoon jedhamutti ni cuupha ture; bishaan baay'een achi ture; Namoonnis achi dhaqanii cuuphamu turan. 24 Kunis otoo Yohaannis mana hidhaatti hin galfamin ta'e. 25 Yommus barattoota Yohaannisiitii fi Yihuudii tokko jidduutti waayee sirna qulqulleessuu irratti wal- mormiin uumame. 26 Isaanis Yohaannis bira dhufanii, "yaa barsiisaa, namichi sii waliin Yordaanos gama ture, kan ati waayee isaa dhugaa baate sun kunoo cuuphuutti jira; namni cuftis gara isaa dhaquutti jira" jedhaniin. 27 Yohaannisis akkana jedhee deebise; "namni waan samii irraa isaaf kenname qofa fudhachuu danda'a, 28 'ani Kiristoosii miti; garuu isa dura nan ergame' jedhee akka ani dubbadhe isin mataan keessaniyyuu dhugaa naa baatu. 29 Misirrooni tan dhiirsa misirrooti; miinjeeni inni dhiirsa misirroo tajaajiluu fi isa dhageeffatu, yommuu sagalee dhiirsa misirroo dhaga'utti akka malee gammada; gammachuuni sun kan kooti; gammachuuni koos amma guutuu ta'eera. 30 Inni guddachuu qaba; ani immoo diqqaachuu qaba. 31 Kan olii dhufu inni waan hundumaa oli; inni lafaa immoo kanuma lafaa ti; waanuma lafaa dubbatas. Inni samii irraa dhufu garuu waan hundumaa oli. 32 Inni waan argee fi waan dhaga'e rageessa; ragaa isaa garuu eenyuyyuu hin fudhatu. 33 Namni ragaa kana fudhates akka Waaqayyo dhugaa ta'e mallattoodhaan mirkaneesse. 34 Inni Waaqni erge dubbii Waaqaa dubbata; Waaqnis safara malee Hafuura isaa nikennaatii. 35 Abbaan ilma ni jaalata; waan cufas harka isaatti kenneera. 36 Namni Ilmatti amanu jireenna barabaraa qaba; namni ilmatti hin amanne garuu dheekkamsa Waaqayyoottu isa irra jiraata malee jireenna hin argu.

John 4

Yesuusiifi Dubartii Samaariyaa Tokko

1 Fariisonni akka Yohaannisin caalaa Yesuus Barattoota baayyifachaa, cuuphaas ture dhagayan. 2 Ta'us barattoota isaattu cuuphaa ture malee Yesuus ufii-saatii hin cuuphne. 3 Gooftaanis yommuu waan kana beeketti Yihuudaa dhiisee ammas Galiilaatti deebi'e. 4 Innis Samaariyaa keessa dabruu qaba ture. 5 Kanaaf gara magaalaa Samaariyaa kan Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; magaalaani sunis lafa Yaaqoob ilma isaa Yooseefiif kenne sanatii dhiyoo dha. 6 Eelli bishaanii kan Yaaqoobi tokko achi ture; Yesuusis waan karaa deemuudhaan dadhabeef eela bishaanii sana bira taa'e; yeroon isaas gara sa'aatii ja'affaa ture. 7 Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte; Yesuusis, "waan ani dhugu naa kenni" jedheen. 8 Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turaniitii. 9 Dubartiin Samaariyaa sunis Yesuusiin, "ati otoo Yihuudii taatee jirtuu akkamitti waan dhuddu ana dubartii Samaariyaa kadhatta?" jetteen; Yihuudonni warra Samaariyaa wajjiin walii galtee hin qaban tureetii. 10 Yesuusis deebisee, "kennaa Waaqaatiifi inni, 'waan ani dhugu naa kenni' siin jedhu kun eennu akka ta'e otoo beettee silaa sittu isa kadhata ture; innis bisaan jireennaa sii kenna ture" jedheen. 11 Dubartittiinis, akkana jetteen; "yaa gooftaa; ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; eelli kunis gad fagoo dha, bisaan jireennaa eessaa argatta? 12 Ati abbaa keenya Yaaqoob isa eela kana nuu kenne caalta moo? Inni mataan isaa, ijoollee isaatiifi horiin isaa eeluma kana keessaa dhugaa turan." 13 Yesuusis akkana jedhee deebise; "namni bishaan kana dhugu hundinuu deebi'ee ni dheebota; 14 Garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kamiyyuu matumaa hin dheebotu; bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya barbaraatiif burqu ni ta'a." 15 Dubartittiinis, "yaa gooftaa, akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabuufis akka ani asitti hin dedeebineef bishaan sana naa kenni" jetteen. 16 Yesuusis, "dhaqiitii dhiirsa kee waamii koottu!" jedheen 17 Ishiin immoo, "ani dhiirsa hin qabu" jetteen. Yesuusis akkana jedheen; "dhiirsa hin qabu jechuun kee sirrii dha. 18 Ati kanaan dura dhiirsa shan qabda turte. Namichi amma si waliin jirus dhiirsa keetii miti. Wonni ati amma dubbate dhuguma." 19 Dubartittiinis akkana jette; "yaa Gooftaa, akka ati raajaa taate nan hubadha. 20 Abbootiini keenya tulluu kana irratti sagadaa turan; Isin Yihuudonni garuu bakki namni itti Waaqeffachuu qabu Yerusaalem jettu." 21 Yesuusis akkana jedheen; "dubartiinana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis ta'u yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin Waaqeffanne tokko ni dhufa. 22 Isin waan hin beenne Waaqeffattu; nu garuu sababii fayyinni Yihuudota keessaa dhufuuf waan beennu Waaqeffanna. 23 Warri dhugaan Waaqeffatan yerooni isaani itti Hafuuraa fi dhugaan Abbaa Waaqeffatan tokko ni dhufa; ammayyuu dhufeera; Abbaanis warra dhugaan isa Waaqeffatan kanneen akkanaa barbaada. 24 Waaqni Hafuura; warri isa Waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan Waaqeffachuu qabu." 25 Dubartittiinis, "Akka masiihiin inni Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka; innis yommuu dhufutti waan cufa nutti hima" jetteen. 26 Yesuusis, "ani namni amma sitti dubbachaa jiru kun isuma" jedheen.

Barattoonni Gara Yesuusitti Deebi'uu Isaanii

27 Yoosuma barattoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuusis dubartii tokko wajjiin otoo dubbatuu arganii ajaa'ibsiifatani. Garuu namni, “maal barbaadda?" yookaan "maaliif ishii wajjiin haasofta?" jedhee isa gaafate tokkolleen hin turre. 28 Dubartiin sunis okkotee ishii dhiiftee gara magaalaatti deebite; namootaanis akkana jette; 29 "koottaatii nama waan ani hojjadhe mara natti hime tokko ilaalaa! tarii inni Kiristoos ta'innaa?" 30 Isaanis magaalaa keessaa bahanii Yesuus bira dhufan. 31 Yommus barattoonni isaa, "yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!" jedhanii isa kadhatan. 32 Inni garuu, "ani nyaata nyaadhu qaba; isinis isa hin beettan" jedheen. 33 Barattoonni isaas, "namattu nyaata fideefii laata?" jedhanii wal-gaafatan. 34 Yesuusis akkana jedheen; "nyaanni kiyya fedhii isa na ergee guutuufi hujii isaa raawwachuu dha. 35 Isin, 'ji'a afurittu hafe; sana booddee midhaan walitti qabama' jettuu mitii? Kunoo, ani isinitti hima; akka midhaani bilchaatee walitti qabamuu ga'e mee ol-jedhatii oobruu ilaalaa! 36 Inni midhaan haamu mindaa ni argata; firii midhaanichaas jireenya barabaraatiif walitti ni qaba; kunis akka inni facaasuu fi inni walitti qabu waliin gammadaniif. 37 Kanaaf mammaaksi, 'inni tokko ni facaasa; kaan immoo ni haama' jedhu sun dhugaa dha. 38 Ani akka isin waan itti hin dadhabin haamtaniif isin erge; warri kaan itti dadhabaniiru; isin garuu bu'aa dadhabbii isaanii walitti qabattan."

Namoonni Samaariyaa Baay'eeni amanuu Isaanii

39 Sababii dubartittiin, "inni waan ani hojjadhe hundumaa natti hime" jettee dhugaa baateef namoonni Samaariyaa warri magaalaa sanaa baay'een isatti amanan. 40 Kanaaf namoonni Samaariyaa yommuu gara isaa dhufanitti akka inni isaan wajjiin turuuf isa kadhatan; innis guyyaa lama achi ture. 41 Sababii dubbii isaatiinis namoonni biraa baayeen isatti amanan. 42 Isaanis dubartittiidhaan, "ammaan achi wanni nu amannuuf sababii dubbii ati nutti himte sanaatiifii miti; nu mataani keennayyuu isa dhageenneerraatii. Akka inni dhugumaan fayyisaa addunyaa ta'es beenneerra" jedhan.

Yesuus Ilma Qondaala Tokkoo Fayyisuu Isaa

43 Guyyaa lamaaani sana duubatti Yesuus Galiilaa dhaqe; 44 Yesuus mataani isaayyuu akka raagni tokko biyya isaa keessatti ulfinna hin qabne dubbatee tureetii. 45 Yommuu inni Galiilaa ga'ettis warri Galiilaa isa simatan; isaanis sababii Jerusaalem turaniiif waan inni yeroo ayyaana faasikaatti achitti hojjate cufa arganii turan. 46 Yesuus deebi'ee gara Qaanaa ishii Galiilaa keessaa bakka itti bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiree ture sanaa dhaqe; Qondaalli ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture. 47 Namichi kunis akkaYesuus Yihuudaadhaa ka'ee Galiilaa dhufe yommuu dhagahetti isa bira dhaqee, ilma isaa isa du'uu ga'e sana akka isaaf fayyisu kadhate. 48 Kanaaf Yesuus, "isin yoo milikkitaa fi dinqii argitan malee hin amantan!" jedheen. 49 Qondaaltichis, "yaa gooftaa, maaloo otoo mucaan kiyya hin du'in dafii naa dhaqqabi" jedheen. 50 Yesuusis, "ilmi kee fayyeeraatii gali!" jedheen. Namichis waan Yesuus isatti dubbate amanee deeme. 51 Otoo inni deemaa jiruus tajaajiltoonni isaa itti dhufanii akka ilmi isaa fayye itti himan. 52 Innis yeroo itti mucaa isaatti wayyaa'e gaafate; isaanis, "kaleessa sa'aatii torbaffaatti nafa gubaani isa dhiise" jedhaniin. 53 Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, "ilmi kee fayyeera" jedheen ta'e hubate; innis, warri mana isaa martinuus ni amanan. 54 Egaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaatti deebi'ee booddee, kanaan walitti milikkita lammaffaa hojjachuu isaa ti.

John 5

Yesuus Beetzaataatti Dhukkubsataa Fayyisuu Isaa

1 Kana booddee ayyaana Yihuudotaattu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol-ba'e. 2 Yerusaalem keessa karra hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiittiin Beetzaataa jedhamu tokkottu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. 3 Gardaafowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri hokkolanii fi warri laamsha'an baay'een ciisanii raafama bishaanii eegachaa turan. 4 Maleekkaan Gooftaa yeroo yerootti gadi bu'ee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaatiin duubatti namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kamiyyuu dhukkuba cufa irraa ni fayya ture. 5 Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko bakka sana ture. 6 Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti "ati fayyuu barbaaddaa?" jedhee gaafate. 7 Dhukkubsataani sunis, "yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu; yeroo ani seenuuf yaaluttis namni dhibiini na dursee seena" jedheen. 8 Yesuusis, "ka'i! afata kee fudhadhuutii deemi!" jedheen. 9 Namichis yeruma sana fayye; afata isaas fudhatee deeme. Guyyaani sunis Sanbata ture. 10 Yihuudonnis, namicha fayye sanaan, "Hardha sanbata; kanaaf afata kee baachuun siif hin eeyyamamu" jedhaniin. 11 Inni garuu, "namicha na fayyisettu 'afata kee fudhadhuu deemi' naan jedhe" jedheen. 12 Isaanis, "namichi afata kee fudhadhuu deem siin jedhe sun eenyu?" jedhanii isa gaafatan. 13 Sababii Yesuus achi hiiqee namoota bakka sanatti tuutta'an keessa seenee tureef namichi fayye sun eenyu akka isa fayyise hin beenne. 14 Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, "ati kunoo amma fayyiteerta; rakkinni kana caalu akka sitti hin hindhufneef ammaan achi cubbuu hin hojjatin" jedheen. 15 Namichis dhaqee kan isa fayyise Yesuus akka ta'e Yihuudotatti hime.

Jireenna Ilmi Kennu

16 Sababii inni guyyaa sanbataatiin waan kana hojjateef, Yihuudonni Yesuusin gaargalchaa turan. 17 Yesuus garuu, "Abbaan kiyya hanga hardhaatti hojjachaa jira; anis hojjachaan jira" isaaniin jedhe. 18 Seera Sanbataa cabsuu isaa qofa otoo hin ta'in sababii inni ofii isaa Waaqaan walqixxeessuudhaan Waaqni Abbaa kiyya jedheef Yihuudonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan. 19 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "ani dhuguman isinitti hima; ilmi ufii isaatiin waan tokkollee hojjachuu hin danda'u; inni waanuma otoo abbaan isaa hojjatuu argu qofa hojjachuu danda'a; sababiinsaa wanuma Abbaan hojjatu ilmis hojjataatii. 20 Abbaani ilma ni jaalataatii; waan hojjatu hundumas isatti ni argisiisa; akka isin maadeffattaniifis inni waan kana caaluyyuu isatti ni argisiisa. 21 Akkuma Abbaan warra du'an cufa du'aa kaasee, jireenya kennuuf ilmis akkasuma nama jaalatuuf jireenya ni kenna. 22 Abbaani eenyuttillee hin muru; murtii cufa garuu ilmatti kenneera; 23 Kunis akka namni cufti akkuma Abbaaf ulfinna kennutti ilmaafis ulfinna kennuuf; namni ilmaaf ulfinna hin kennine, Abbaa isa ilma ergeefis ulfinna hin kennu. 24 "Ani dhuguman isinitti hima; namni dubbii kiyya dhagawu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenna barabaraa qaba; isattis hin muramu; inni du'a jalaa gara jireenyaatti dabreera. 25 Ani dhuguman isinitti hima; yeroon warri du'an itti sagalee ilma Waaqayyoo dhagaayan tokko ni dhufa; ammumayyuu dhufeera; warri dhagayanis ni jiraatu. 26 Akkuma Abbaan ufii isaatiin jireenna qabu ilmis akkasuma akka ufii isaatiin jireenna qabaatuuf isaaf kenneeraatii. 27 Sababii inni Ilma Namaa ta'eefis akka inni murtii kennuuf Abbaani aangoo isaaf kenneera. 28 "Isa kana hin dinqifatinaa; yeroon warri awwaala keessa jiran cufti itti sagalee dhagayan tokko ni dhufaatii. 29 Warri waan dansaa hojjatan du'aa ka'iisa jireennaatiifi, warri waan hamaa hojjatan immoo du'aa ka'iisa murtiitiif awwaala keessaa ni ba'u. 30 Ani ofii kiyyaan waan tokkollee gochuu hin danda'u; ani akkuma dhagawutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kiyyaa waan hin raawwanneef murtiin kiyya qajeelaa dha.

Dhuga-Ba'iisa Waayee Yesuusi

31 "Ani yoo waayee ofii kiyyaa dhugaa ba'e, dhuga-ba'iinsi kiyya dhugaa miti. 32 Garuu kan waayee kiyya dhugaa ba'u dhibiini jira; anis akka dhuga-ba'iinsi inni waayee kiyya kennu sun dhugaa ta'e beeka. 33 "Isin gara Yohaannisiitti namoota ergitanii turtan; innis, dhugaa sanaaf, dhugaa bayeera. 34 Kunis ani dhuga-ba'iisa namaa nan fudhadha jechuu miti; Garuu akka isin fayyitaniif kana nan dubbadha. 35 Yohaannis ibsaa boba'ee ifa kennu ture; isinis yeroo xiqqoo ifa isaatti gammaduu barbaaddan. 36 "Ani garuu dhuga-ba'iisa dhugaa ba'iisa Yohaannisi sana caalu qaba; hujiini akka ani raawwadhuuf Abbaan natti kenne, kan ani ammayyuu hojjachaa jiru kun, akka Abbaan na erge mirkaneessaatii. 37 Abbaan koo inni na erges ofii isaatii waayee koo dhugaa ba'eera; isin takkumaa qoonqa isaa hin dhageenye; bifa isaas takkumaa hin argine. 38 Isin waan isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu. 39 Isin Kitaabota qulqulluudhaan jireenya barabaraa arganna jettanii waan yaaddaniif kitaabota sana qorattu; isaaniyyuu waayee kiyya dhugaa ba'u. 40 Isin garuu jireenya argachuuf gara kiyya dhufuu hin barbaaddan. 41 "Ani nama irraa galata hin fudhadhu. 42 Garuu akka isin jaalala Waaqayyoo of-keessaa hin qabne nan beeka. 43 Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufeera; isin garuu na hin simattan; otoo namni biraa maqaa ufiitiin dhufee garuu isa ni simattu. 44 Isin yoo wal-irraa ulfinna argattanii ulfinna isa Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu hin barbaanne akkamitti amanuu danddeettu ree? 45 "Waan ani Abbaa duratti isin himadhu hin se'inaa; kan isin himatu tokko jira; Innis Muusee isin abdattan sana. 46 Otoo Muusee amantanii, anas ni amantu ture; inni waayee kiyya barreesseetii. 47 Isin erga waan inni barreesse hin amanne dubbii kiyya immoo akkamitti amantu ree?"

John 6

Yesuus Nama Kuma Shani Sooruu Isaa

1 Yesuusis kana booddee gama galaana Galiilaa isa galaana Xibriyaadoosi jedhamuutti ce'e. 2 Namoonni baay'eenis sababii milikkita inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan argisiise arganiif isa hordofan. 3 Yesuusis barattoota isaa waliin gaaratti ol-bahee taa'e. 4 Yeroo sana ayyaanni Yihuudotaa, faasikaan dhiyaatee ture. 5 Yesuusis ija isaa ol-fudhatee otoo namoonni hedduun gara isaa dhufanuu arge; Filiphoosiinis, "namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa binna?" jedhe. 6 Kanas Filiphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii. 7 Filiphoosis deebisee, "akka tokkoon tokkoon isaanii xiqqoo xiqqoollee argataniif yoo buddeenni diinaarii dhibba lamaa bitamellee hin gawu" jedheen. 8 Barattoota isaa keessaa tokko Indiriyaas, obboleessi Simoon Pheexiroosi akkana jedheen; 9 "gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko as jira; garuu kun saba akkana baay'atu kana akkamitti gaha?" 10 Yesuusis, "namoota teessisaa" jedhe. Bakka sanas marga baayeettu ture; namoonnis ni tataa'an; Lakkoobsi isaaniis dhiira gara kuma shanii ture. 11 Yesuusis eega buddeena sana fuudhee Waaqa galateeffatee booddee warra tataa'aniif hanga isaan barbaadan hire; qurxummii sanas akkasuma godhe. 12 Innis eegii namoonni Nyaatanii quufanii booddee barattoota isaatiin, "akka wonnii tokkoyyuu hin banneef hurraa'aa hafe walitti qabaa" jedhe. 13 Isaanis hurraa'aa buddeena garbuu shananii isa warra nyaatan irraa hafe sana gundoo kudhanii lama guutuu walitti qaban. 14 Namoonnis Yommuu baasa Yesuus hojjate arganitti, "kun dhugumaanuu raajaa gara addunyaa dhufuuf jiru" jedhan. 15 Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gaaratti jalaa miliqe.

Yesuus Bishaan Irra Deemuu Isaa

16 Yommuu lafti galgalooftetti barattoonni isaa gara galaanaatti gadi bu'an. 17 Isaanis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti ce'uuf ka'an. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus ammallee gara isaanii hin dhufne ture. 18 Bubbeeni jabaani isaa waan bubbisaa tureef galaanichi ni raafame. 19 Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan ja'aa mooqanii booddee otoo Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanatti dhiyaachaa jiruu argan; ni sodaatanis. 20 Inni garuu, "anumaatii hin sodaatinaa!" jedheen. 21 Isaanis bidiruu irratti ol-isa fudhachuu barbaadan; garuu bidiruun sun yoosuma bakka dhaqaa turan sana gahe. 22 Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka barattoonni isaa kophaa isaanii deemaniifi akka Yesuusis isaan waliin bidiruu hin yaabbatin hubatan. 23 Haa ta'uu malee bidiruuwwan dhibiin Xibriyaadoosii ka'anii bakka itti gooftaan Waaqa galateeffateefi, namoonnis itti buddeena nyaatan sana bira ga'aniiru. 24 Namoonni sunis akka Yesuus yookaan barattoonni isaa achi hin jirre, yommuu baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Yesuusin barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.

Yesuus Buddeena Jireennaa

25 Isaanis yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, "yaa barsiisaa, ati yoom asi dhufte?" jedhanii isa gaafatan. 26 Yesuusis akkana jedhee deebise; "ani dhuguman isinitti hima; isin waan milikkita argitaniif otoo hin ta'in, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu. 27 Nyaata jireenna barabaraatiif jiraatu kan ilmi namaa inni Waaqni Abbaan chaappaa isaa isa irratti mallatteesse sun isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. 28 Isaanis, "nu akka hujii Waaqayyoo hojjannuuf maal gochuu qamna?" jedhanii gaafatan. 29 Yesuusis, "isa inni ergetti amanuun keessan kuniyyuu hujii Waaqayyoo ti" jedhee deebiseef. 30 Kanaaf isaan akkana jedhanii isa gaafatan; "akka nu isa arginee si amannuuf, milikkita maalii argisiifta? Maal hojjattas? 31 'akka nyaataniif Samii irraa buddeena isaaniif kenne' jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya lafa onaatti mannaa nyaatan." 32 Yesuusis akkana jedheen; "ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Muusee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa kiyya. 33 Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gadi bu'ee, biyya lafaatiif jireenna kennu sanaatii." 34 Isaanis, "yaa gooftaa, yeroo cufa buddeena kana nuu kenni" jedhaniin. 35 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; "buddeenni jireenyaa ana; namni gara kiyya dhufu matumaa hin beela'u; kan anatti amanus matumaa hin dheebotu. 36 Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu ammumayyuu hin amantan. 37 Kan Abbaan naa kennu marti gara kiyya ni dhufa; anis kan gara kiyya dhufu of irraa hin ari'u. 38 Ani fedhii isa na erge sanaa raawwachuuf malee, fedhii ufii kiyyaa raawwachuuf samii irraa gad hin buunee. 39 Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti du'aa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokkollee balleessuufii miti. 40 Fedhiin Abbaa kiyyaas akka namni ilma ilaalee isatti amanu cufti jireenna barabaraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti du'aa isa nan kaasa." 41 Kanaaf Yihuudonni sababii inni, "ani buddeena samii irraa gadi bu'ee dha" jedheef isatti gungumuu jalqaban. 42 Isaanis; "kun Yesuus isa nu abbaa isaatii fi haadha isaa beennu ilma Yooseefi sanaa mitii? Yoos akkamitti, 'ani samii irraa gadi bu'e' jedha ree?" jedhan. 43 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "walitti hin gunguminaa. 44 Abbaani na erge sun isa harkisuu baannaan namni kamiyyuu gara kiyya dhufuu hin danda'u; anis guyyaa dhumaatti du'aa isa nan kaasa. 45 Raagota keessatti, 'isaan cufti warra Waaqa irraa baratan nita'u' jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhaga'ee fi kan isa irraa barate cufti gara kiyya ni dhufa. 46 Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokkoyyuu Abbaa hin argine; Isa qofattu Abbaa arge. 47 Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu martinuu jireenya barabaraa qaba. 48 Buddeenni jireennaa ana. 49 Abbootiini keessan lafa aloo keessatti mannaa nyaatan; garuu ni du'an. 50 Buddeenni samii irraa gadi bu'e garuu isa kana; namni isa nyaatu matumaa hin du'u. 51 Buddeenni jiraataan samii irraa bu'e ana. Namni kamiyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate barabaraan ni jiraata. Buddeeni ani jireenya biyya lafaatiif kennus foon kiyya." 52 Yihuudonnis, "Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu danda'a?" jedhanii waliin morman. 53 Yesuusis akkana jedheen; "ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ufii keessanii jireenya hin qabdan. 54 Namni Foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya dhugu hundi jireenna barabaraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti du'aa isa nan kaasa. 55 Foon kiyya nyaata dhugaatii; dhiigni kiyyas dhugaatii dhugaati. 56 Namni Foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya dhugu cufti na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha. 57 Akkuma Abbaan jiraataan na ergee, anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kiyyaan ni jiraata. 58 Buddeenni samii irraa bu'e isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii du'an sanaatii miti; namni buddeena kana nyaatu garuu barabaraan ni jiraata." 59 Innis Qifirnaahomitti otoo mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate. Barattoonni Baay'een Yesuusin Dhiisanii Baqachuu Isaanii 60 Barattoota isaa keessaa baay'eeni yommuu waan kana dhagayanitti, "barsiisni kun cimaa dha; eenyuttu fudhachuu danda'a?" jedhan. 61 Yesuusis akka barattoonni isaa waayee waan kanaa gunguman hubatee akkana jedheen; "kun isin gufachiisaa ree? 62 Yoos yoo ilmi namaa bakka duri turetti otoo ol-ba'uu argitan akkam ta'inna ree? 63 Kan jireenna kennu Hafuura; Foon faayidaa hin qabu; Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireennas. 64 Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru." Yesuus jalqabumaa kaasee isaan keessaa eennu akka hin amaniniifi eennu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii. 65 Innis ittuma fufee, "sababiin ani 'yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni tokkolleen gara kiyya dhufuu hin danda'u' isiniin jedheefis kanuma" jedhe. 66 Kana booddees barattoota isaa keessaa baay'eeni duubatti deebi'an; eegasiis isa wajjiin hin deemne. 67 Yesuusis warra kudhanii lamaaniin, "isinis deemuu barbaadduu?" jedhe. 68 Simoon Pheexiroosis akkana jedhee deebise; "yaa gooftaa, gara eenyuu dhaqnaa? ati dubbii jireenya barabaraa qabdaa. 69 Nu akka ati Kiristoos, ilma Waaqa jiraataa taate ni amanna; ni beennas." 70 Yesuusis deebisee, "ani kudhanii lamaan keessaniyyuu filadheeraa mitii? Isin keessaa inni tokko garuu Daabiloos" jedhe. 71 Innis waayee Yihuudaa ilma Simoon Asqorootichaa dubbate; Yihuudaani warra kudhanii lamaan keessaa tokko ta'us Yesuusin dabarsee kennuuf jiraatii?

John 7

Yesuus Ayyaana Daasii Irratti Argamuu Isaa

1 Kana booddee Yesuus Galiilaa keessa dedeebi'aa ture; sababii Yihuudonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin dedeebine. 2 Ayyaanni daasii Yihuudotaa dhiyaatee ture. 3 Obboleeyyan isaas akkana jedhaniin; "akka barattoonni kee waan ati hojjatu arganiif ka'iitii Yihuudaa dhaqi. 4 Namni otoo Muldhinnatti beekamuu barbaaduu dhossaatti waa hojjatu hin jiruutii; Atis sababii waan kana hojjattuuf addunyaatti of-muldhisi." 5 Obboleeyyan isaalleen isatti hin amanne tureetii. 6 Yesuusis akkana jedheen; "yeroon kiyya ammallee hin geenne; isiniif garuu yeroon cufti mijaawaadha. 7 Addunyaan isin jibbuu hin danda'u; ani garuu akka hujiin isaa hamaa ta'e waan itti dhugeessuuf na jibba. 8 Isin ufii keessanii gara ayyaana sanaa dhaqaa; ani garuu waan yeroon kiyya ammallee hin ga'iniif gara ayyaanichaatti ol hin bawu." 9 Innis waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe. 10 Garuu erga obboleeyyan isaa gara ayyaanichaatti ol ba'anii booddee innis otoo muldhinnaan hin ta'in dhossaan ol-ba'e. 11 Yihuudonnis ayyaanicha irratti, "namichi sun eessa jira?" jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan. 12 Namoota jidduuttis waayee isaa gungummii guddaattu ture; namoonni tokko tokko, "inni nama gaarii dha" jedhan. Warri kaan immoo, "akkasii miti; inni karaa irraa nama jallisa" jedhan. 13 Garuu waan Yihuudota sodaataniif namni tokkolleeni muldhinnaan waayee isaa hin dubbanne.

Yesuus Ayyaana Yihuudotaa Irratti Barsiisuu Isaa

14 Gara walakkaa ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe. 15 Yihuudonnis, dinqifatanii, "namichi kun akkamitti otoo hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?" jedhan. 16 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "barsiisni kiyya kan isa na ergee ti malee kiyyaa miti. 17 Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu martinuu barsiisni kun Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kiyyaan dubbachuu fi dubbachuu baachuu kiyya ni beeka. 18 Namni ufuma isaatiin dubbatu inni ufuma isaatii ulfinna argachuu barbaada; namni ulfinna kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; sobnis isa keessa hin jiru. 19 Muuseen seera isinii kenneeraa mitii ? Isin keessaa garuu namni tokkoyyuu seera sana hin eegu; isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?" 20 Jarris deebisanii, "jinniittu si keessa jira; eenyuttu si ajjeesuu barbaada?" jedhaniin. 21 Yesuusis deebisee akkana jedheen; "ani hujii baasaa tokko hojjannaan hundi keessan ajaa'ibsiifattan. 22 Muuseeni seera gadoomaa isinii kenne; gadooma garuu abbootiittu jalqabe malee Muusee miti; isinis guyyaa Sanbataa nama gadoomsitu. 23 Akka seerri Muusee hin cabneef eega namni tokko guyyaa Sanbataatiin gadoomuu danda'ee, isin maaliif sababii ani guyyaa sanbataatiin nafa namaa guutuu fayyiseef jettanii natti aartu? 24 Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa."

Yesuus Kun Kiristoos Moo?

25 Kanaaf namoota Yerusaalemii keessaa tokko tokko akkana jedhan; "inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sanaa mitii? 26 Kunoo inni ifatti ba'ee dubbata; isaanis womaa isaan hin jenne; Abbootiin aangoo akka inni Kiristoos ta'e sirriitti beekaniiruu laata? 27 Ta'us namichi kun nama eessaa akka ta'e nu beenna. Kiristoos yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokkolleen hin beeku." 28 Yommus Yesuus otoo mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol-fudhatee akkana jedhe; "isin na beettu; akka ani eessaa dhufes beettu; ani ufii kiyyaan hin dhufne; inni na erge sun dhuga-qabeessa; isin garuu isa hin beettan. 29 Ani garuu isa biraa dhufe; isattu na erges; kanaafis ani isa beeka." 30 Kanaaf isa qabuu barbaadan; garuu waan yeroon isaa hin ga'iniif namni tokkolleeni harkaan isa hin tuqne. 31 Ta'us namoonni baay'een isatti amanan; isaanis, "Kiristoos yommuu dhufutti milikkita namichi kun argisiise caalu ni argisiisaa laata?" jedhan. 32 Fariisonnis otoo namoonni waayee isaa waan akkanaa gungumanuu dhagayan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Yesuusin qabsiisuuf eegdota mana qulqullummaa ergan. 33 Yesuusis akkana jedheen; "Ani yeroo gabaabaa isin waliin jira; kana booddee gara isa na erge sanaa nan dhaqa. 34 Isinis na barbaaddu; garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeettan." 35 Yihuudonnis akkana waliin jedhan; "namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? gara saba keenna warra Giriikota keessa faffaca'anii dhaqee Giriikota barsiisuu barbaade moo? 36 'Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeettan' jechuun isaas maal jechuu isaa tii?" 37 Guyyaa ayyaanichi itti raawwatu, guyyaa guddaa sana, Yesuus ka'ee dhaabatee qoonqa guddaan akkana jedhe; "eenyulleen yoo dheebote, gara kiyya dhufee haa dhuguu. 38 Akkuma Kitaabni jedhe nama natti amanu cufa bisaan jireenyaattu garaa isaa keessaa burqa." 39 Kunis waayee Hafuura Qulqu-lluu kan warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti; sababii Yesuus ammallee ulfinna hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hanga yeroo sanaatti hin kennamne tureetii. 40 Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagayanitti, "kun dhugumaanuu raagicha" jedhan. 41 Warri kaan immoo, "inni Kiristoos" jedhan. Namoonni kaanis akkana jedhan; "Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa? 42 Akka Kiristoos sanyii Daawiti keessaa dhalatuu fi akka inni magaalaa Daawiti Beetliheemii dhufu Kitaabni ni dubbataa mitii?" 43 Kanaafis waayee isaa irratti garaagarummaan isaan jidduutti uumame. 44 Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokkoyyuu harkaan isa hin tuqne.

Amanuu Diduu Dura-Bu'oota Yihuudotaa

45 Kana booddee eegdonni sun gara luboota hangafaatii fi gara Fariisotaatti deebi'an; isaanis, "maaliif isa fiddanii hin dhufne?" jedhanii eegdota sana gaafatan. 46 Eegdonnis, "namni tokkoyyuu akka namicha kanaatti dubbatee hin beeku" jedhanii deebisan. 47 Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, "isinis ni gowwoomse jechuu dha? 48 Abbootii aangoo keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokkolleen isatti amaneeraa? 49 Sabni seera hin beenne kun garuu abaaramaa dha." 50 "Niqoodimoos inni duraan Yesuus bira dhaqee fi isaan keessaas tokko ta'e sun akkana isaaniin jedhe; 51 "Seerri keenna otoo isa irraa hin dhagayin, waan inni hojjates otoo hin beekin nama tokkotti ni muraa?" 52 Isaanis, "atis nama Galiilaatii? akka Raajaani Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira ga'i" jedhaniin. 53 Kana booddee isaan martinuu gara mana ufiitti galan.

John 8

Dubartii Ejja Irratti Qabamte

1 Yesuus garuu gara gaara ejersaa dhaqe. 2 Ganama bariis deebi'ee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan isaani barsiisuuf taa'e. 3 Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko fidan; jidduu isaaniis dhaabachiisanii, 4 Yesuusiin akkana jedhan; "yaa barsiisaa, dubartiin tun ejja irratti qabamte; 5 Muuseeni seera keessatti akka dubartoonni akkanaa dhagaan tumaman nu ajajeera; ati waayee isii maal jettaa? 6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruuf waan kana gaafatan. Yesuus garuu gadi jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe. 7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, "isin keessaa namni cubbuu hin qabne yoo jiraate duraan dursee dhagaa isiitti haa darbatuu" jedheen. 8 Ammas gadi jedhee lafa irratti barreesse. 9 Isaanis yommuu kana dhaga'anitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon ba'anii sokkan; Yesuusis dubartittii fuula isaa dura dhaabatte waliin kophaa hafe. 10 Yesuusis ol-jedhee, "dubartinana, warri si himatan meerree? Namni tokkolleeni sitti hin murree?" jedheen. 11 Isiinis, "yaa Gooftaa, namni tokkolleen natti hinmurre" jetteen. Yesuusis, "anis sitti hin muruu deemi; garuu deebitee cubbuu hin hojjatin" jedheen.

Yesuus ifa addunyaati

12 Yesuus ammas, "ani ifa biyya lafaa ti; namni na hordofu cufti ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hinjiraatu" jedhee isaanitti dubbate. 13 Fariisonnis, "ati waayee mataa keetii dhugaa baata; dhugaaba'iinsi kee immoo dhugaa miti" jedhaniin. 14 Yesuusis akkana jedhee deebise; "ani yoo ofii kiyyaaf dhugaa ba'ellee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garamitti deemu waan beekuuf dhuga ba'iinsi kiyya dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufee yookaan akka ani garamitti deemu hin beettan. 15 Isin akka fooniitti murteessitu; ani nama tokkottillee hin muru. 16 Garuu ani yoo murellee murtiin kiyya dhugaa dha; kan murus na qofaa miti; inni na erge sun na waliin jiraatii. 17 Dhuga-ba'iisni nama lamaa akka fudhatamaa ta'e seera keessan keessatti barreeffameera. 18 Ani ufii kiyyaaf dhugaa nan ba'a; Abbaani na erges waayee kiyya dhugaa ba'a." 19 Isaanis, "Abbaan kee eessa jira?" jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo deebisee, "Isin anas Abbaa kiyyas hin beettan; otoo na beettanii, Abbaa kiyyas ni beettu turtan" jedhe. 20 Yesuus otoo mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan Yerooni isaa hin ga'iniif namni tokkoyyuu isa hin qabne. 21 Yesuus ammas, "ani nan deema; isinis na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin bakka ani dhaqu dhufuu hin dandeessan" isaaniin jedheen. 22 Yihuudonnis, "'Isin bakka ani dhaqu dhufuu hin dandeessan' jechuuni isaa uf ajjeesuuf ta'innaa?" jedhan. 23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; "isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaati; ani ammoo kan addunyaa kanaatii miti. 24 Isin akka cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo ani isa ta'uu kiyyas hin amanne, dhugumaanuu cubbuu keessaniin ni duutu." 25 Isaanis, "ati eennu?" jedhanii isa gaafatan. Yesuus ammoo akkana jedhee deebise; "ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha. 26 Ani waayee keessan waan jedhuu fi waan muru baay'een qaba. Garuu inni na erge dhugaaqabeessa; anis waan isa irraa dhagaye addunyaatti nan hima." 27 Isaan garuu akka inni waayee Abbaa isaanitti himaa ture hin hubanne. 28 Kanaaf Yesuus akkana isaaniin jedhe; "yommuu ilma namaa ol-fuutanitti akka ani isa ta'e, waanuma Abbaan na barsiise dubbadha malee akka ani ufii kiyyaan womaa hin hojjannes ni beettu. 29 Inni na erge na wajjiin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjadhuuf inni kophaa kiyya na hin dhiifne." 30 Akkuma inni kana dubbateenis, namoonni hedduuni isatti amanan.

Ijoollee Abrahaami

31 Yesuus Yihuudota isatti amananiin akkana jedhe; "yoo dubbii kiyyatti cimtan isin dhuguma barattoota kiyya; 32 Dhugaas ni beettu; dhugaanis bilisa isin baasa." 33 Isaanis, "nu sanyii Abrahaamiiti, nu eenyumaafuu takkaa garba hin taane; yoos akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?" jedhaniin. 34 Yesuusis deebisee akkana jedhe; "ani dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjatu marti garba cubbuu ti. 35 Garbi barabaraan mana hin jiraatu; ilmi garuu barabaraan ni jiraata. 36 Kanaaf yoo ilmi bilisa isin baase, isin dhugumayyuu bilisa ni baatu. 37 Isin sanyii Abrahaami ta'uu keessan ani beeka; garuu sababii dubbiin kiyya isin keessatti bakka hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu. 38 Ani waan Abbaa kiyya biratti arge dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageettan hojjattu." 39 Isaanis, "abbaan keenya Abrahaam" jedhan. Yesuus ammoo akkana jedhe, "otoo ijoollee Abrahaami taatanii, hujii Abrahaam hojjate ni hojjattu turtan. 40 Isin garuu ana nama dhugaa Waaqa irraa dhagaye isinitti hime ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam waan akkasii hin hojjanne. 41 Isin waan abbaan keessan hojjate hojjattu." Isaanis, "nu ejjaan hin dhalanne; abbaa tokkicha qabna; innis Waaqa." jedhaniin.

Ijoollee Daabiloosi

42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; "otoo waaqni abbaa keessan ta'ee na jaalattu turtan; ani Waaqa keessaa bahee dhufeetii; isattu na erge malee ani ofii kiyyaan hin dhufne. 43 Wonni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu dhagawuu hin dandeenneef. 44 Isin ijjoollee abbaa keessanii ijoollee daabiloosiiti; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaa keessa hin jiraatu. Inni kijibaafi abbaa kijibaa waan ta'eef yommuu kijiba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata. 45 Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf nan hin amantan. 46 Isin keessaa namni cubbuun na himatu eennu? Eegii ani dhugaa dubbadhe isin maaliif na hin amanne? 47 Namni nama Waaqaa ta'e dubbii Waaqaa ni dhagaya; isin garuu waan kan Waaqaa hin ta'iniif hin dhageessan."

Yesuusiifi Abrahaam

48 Yihuudonnis deebisanii, "ati nama Samaariyaa ti; jinniittu si keessa jira jechuun keenya sirrii miti?" jedhaniin. 49 Yesuus ammoo akkana jedhe; "jinniin na keessa hin jiru; ani Abbaa kiyyaaf ulfinna nankenna; isin garuu ulfinna naa hin kennitan. 50 Ani ulfinna mataa kiyyaa hin barbaadu; garuu kan ulfinna barbaadu tokko jira, innis Abbaa murtii ti. 51 Ani dhuguman isinitti hima; eennulleen yoo dubbii kiyya eege matumaa du'a hin argu." 52 Yihuudonnis akkana jedhaniin; "akka jinniin si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam du'eera; raajonnis du'aniiru; ati garuu, ' eennulleen yoo dubbii kiyya eege matumaa du'a hin dhandhamu' jetta. 53 Ati abbaa keenya Abrahaam caalta moo? inni du'eera; raajonnis du'aniiru; egaa ati eenyu ofiin jetta ree?" 54 Yesuus akkana jedhee deebise; "ani yoo ufii kiyyaaf ulfinna kenne, ulfinni kiyya faayidaa hin qabu; kan ulfinna naa kennu Abbaa kiyya isuma isin Waaqa keenna jettaniin sanaa dha. 55 Yoo isin isa beekuu baattanillee ani isa beeka. Otoo ani isa hin beeku jedhee akkuma keessan sobduu nan ta'a ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaas nan eega. 56 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa kiyya arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades." 57 Yihuudonnis, "umriin kee waggaa shantamallee hinguunne; yoos ati akkamitti Abrahaamin argeera jetta ree?" jedhaniin. 58 Yesuusis, "otoo Abrahaam hin dhalatiniyyuu ani anuma isaaniin " jedhe. 59 Isaanis yeruma sana isa dhawuuf jedhanii dhagaa guurratan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaatii ba'ee sokke.

John 9

Yesuus Namicha Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa

1 Yesuus otoo dabruu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. 2 Barattoonni isaas, "yaa barsiisaa, namichi kun akka jaamaa ta'ee dhalatuuf eenyuttu cubbuu hojjate? isa moo abbaa fi haadha isaa ti?" jedhanii isa gaafatan. 3 Yesuusis akkana jedhee deebise; "akka hujiini Waaqaa jireenya isaa keessatti muldhatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjataniitii miti. 4 Otoo guyyaa ta'ee jiruu hujii isa na ergee hojjachuu qabna; halkan namni tokkoyyuu itti hojjachuu hin dandeenne ni dhufa. 5 Ani hanga addunyaa irra jirutti ani ifa addunyaati." 6 Innis erga kana jedhee booddee lafatti tufee biyyee jiise; biyyee jiise sanas ija namichaa dibe. 7 Innis namicha sanaan, "dhaqiitii haroo Saliihomiitti dhiqadhu" jedhe. Saliihom jechuuni kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebi'ee dhufe. 8 Olloonni isaatii fi namoonni duraan otoo inni kadhatuu argan, "namichi kun isuma taa'ee kadhachaa ture sanaa mitii?" jedhan. 9 Namoonni tokko tokko, "eeyee! isa" jedhan. kaan immoo, "lakki, isa fakkaata malee" jedhan. Inni garuu, "namichi sun anuma" jedhe. 10 Jarris, "ijji kee akkamitti baname ree?" jedhaniin. 11 Innis deebisee, "namichi Yesuus jedhamu tokko biyyee jiisee ija koo dibee, 'gara haroo Saliihomi dhaqiitii dhiqadhu' naan jedhe; anis dhaqee dhiqadhe; arguus nan danda'e." 12 Isaanis, "namichi sun eessa jira?" jedhanii isa gaafatan. Innis, "ani hin beeku" jedheen.

Fariisonni Waayee Fayyuu Namichaa Qorachuu Isaanii

13 Isaanis namicha duri jaamaa ture sana Fariisotatti geessan. 14 Guyyaan itti Yesuus biyyee jiisee ija namichaa bane Sanbata ture.15 Fariisonni ammas namichi akkamitti akka arguu danda'e isa gaafatan; namichis, "Inni biyyee jiisee ija koo dibe; anis nan dhiqadhe; nan arges" jedheen. 16 Fariisota keessaas tokko tokko, "namichi kun waan Sanbata hin eegneef, inni Waaqa biraa hin dhufne" jedhan. Warri kaan garuu, "cubbamaan tokko akkamitti baasa akkanaa hojjachuu danda'a?" jedhan. Garaagarummaanis isaan jidduutti uumame. 17 Kanaaf ammas gara namicha jaamaa ture sanaatti deebi'anii, "waayee namicha ija kee sii bane sanaa maal jetta?" jedhaniin. Namichis deebisee, "inni raaga" jedhe. 18 Yihuudonnis hanga abbaa fi haadha namicha agartuu isaa argate sanaa waamanitti akka inni jaamaa turee fi akka inni agartuu isaa argate ammallee hin amanne. 19 Isaanis, "inni kun ilma keessan isuma isin jaamaa ta'ee dhalate jettan sanaa? Yoos amma immoo akkamitti arguu danda'e ree?" jedhanii gaafatan. 20 Abbaa fi haati namichaas deebisanii akkana jedhan; "akka inni ilma keenna ta'ee fi akka jaamaa ta'ee dhalate ni beenna. 21 Garuu amma akkamitti arguu akka danda'e yookiin ija isaa eenyu akka baneef nu hin beennu. Inni nama guddaa dha; waayee mataa isaa dubbachuu ni danda'a; isuma gaafadhaa." 22 Abbaa fi haati isaa sababii Yihuudota sodaataniif waan kana jedhan. Namni Kamiyyuu Yesuus inni Masiihicha jedhee yoo dhugeesse akka mana sagadaa keessaa ari'amu Yihuudonni duraan dursanii murteessanii turaniitii. 23 Kanaaf abbaa fi haatii isaa, "inni nama guddaadha; isuma gaafadhaa" jedhan. 24 Isaanis yeroo lammaffaa namicha jaamaa ture sana waamanii "Waaqayyoof ulfinna kenni; namichi kun cubbamaa ta'uu isaa nu ni beenna" jedhaniin. 25 Innis, "cubbamaa ta'uu fi ta'uu baachuu isaa ani hin beeku; ani waan tokko qofa beeka; ani jaamaa ture; amma garuu nan arga" jedhee deebise. 26 Isaanis, "maal sii godhe? ija kees akkamitti sii bane?" jedhanii isa gaafatan. 27 Inni ammoo, "ani kanaan dura isinitti himeera; isinis hin dhageenye; ammas maaliif dhagawuu barbaaddu? isinis barattoota isaa ta'uu barbaadduu?" 28 Isaanis akkana jedhanii isa arrabsan; "barataan namicha kanaa si'i! Nu barattoota Muusee ti. 29 Akka Waaqni Muuseetti dubbate nu beenna; namichi kun garuu eessaa akka dhufeyyuu hin beennu." 30 Namichis deebisee akkana jedhe; "inni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan waan nama dinquu dha; kan ija kiyya naa bane garuu isuma. 31 Waaqayyo, nama isa sodaatuu fi nama fedhii isaa raawwatu dhagaya malee, akka cubbamtoota hindhageenye ni beenna. 32 Eennulleen ija nama jaamaa ta'ee dhalate tokkoo akka bane uumama addunyaatii jalqabee dhagayamee hin beeku. 33 Namichi kun otoo Waaqa biraa dhufuu baatee womaa gochuu hin danda'u ture. 34 Isaanis deebisanii, "ati kan guutummaatti cubbuun dhalatte, sittu nu barsiisaa?" jedhaniin; gadis isa baasan.

Jaamummaa Hafuuraa

35 Yesuusis akka isaan gadi isa baasan dhagaye; yommuu isa argettis, "ati ilma namaatti ni amantaa?" jedheen. 36 Namichis, "yaa gooftaa, akka ani isatti amanuuf inni eennu?" jedhe. 37 Yesuusis, "ati amma isa argiteerta; inni si waliin haasa'aa jiru isuma" jedheen. 38 Namichi sunis, "Yaa Gooftaa, nan amana" jedhe; ni sagadeefis. 39 Yesuusi ammoo, "warri jaamaani akka arganiif, warri argan immoo akka jaamaniif ani murtiif gara addunyaa kanaa dhufeera" jedhe. 40 Fariisota isa wajjiin turan keessaa tokko tokko waan kana jechuu isaa dhagayanii, "nus jaamotaa ree?" jedhanii gaafatan. 41 Yesuusis, "otoo jaamota taatanii cubbuu hin qabdan turtan; isin garuu waan, 'ni argina' jettaniif cubbuun keessan ni jiraata" jedheen.

John 10

Tissituu Fi Hoolota Isaa

1 "Ani dhuguman isinitti hima; namni balbalaan moonaa hoolotaa hin seennee, garuu karaa dhibiin yaabbatee seenu kamiyyuu hattuu fi saamtuu dha. 2 Namni balbalaan seenu immoo tissituu hoolotaa ti. 3 Eegduun balbalaas isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa dhagawu; innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gadi yaasa. 4 Erga warra kan isaa ta'an hunda gadi yaaseen duubatti isaan dura deema. Hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana bu'u. 5 Nama kaan garuu ni baqatu malee faana hin bu'an; sagalee nama kaanii hin beekaniitii." 6 Yesuus fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne. 7 Kanaaf Yesuus ammas akkana jedheen; "dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti. 8 Warri na dura dhufan marti hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaani hin dhageenne. 9 Balbalichi ana; namni karaa kiyyaan ol-seenu cufti ni fayya. Inni ni seena; ni ba'a; waan dheedus ni argata. 10 Hattuun: hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufti; ani garuu akka isin jireenya qabaattaniif, jireenya irraa hafaas akka qabaattaniif dhufeera. 11 "Tissituun dansaan ana; tissituun dansaani hoolota isaatiif jedhee jireenya isaa dabarsee ni kenna. 12 Namni qaxaramaan kan tissituu hin ta'in garuu waan hoolonni kan isaa hin ta'iniif yommuu dhufaatii yeeyii argutti hoolota dhiisee baqata; yeeyiinis hoolota ni butata; ni bittinneessas. 13 Namichis waan qaxaramaa ta'eef ni baqata; hoolotaafis hin yaadu. 14 "Tissituun gaariin ana; ani hoolota kiyya beeka; hoolonni kiyyas na beeku; 15 Kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis jireenna kiyya hoolotaaf nan kenna. 16 Ani warra moonaa kanatti galan malees hoolota gara biraa qaba; isaanis fiduun qaba; isaanis qoonqa kiyya nidhagawu; karra tokkos ni ta'u; tissituun isaaniis tokko ta'a. 17 Ani deebisee fudhachuuf lubbuu kiyya dabarsee waan kennuuf Abbaan na jaalata. 18 Lubbuu kiyya anumatu ofii kiyyaan dabarsee kenna malee eenyuyyuu narraa hin fudhatu; Ani lubbuu kiyya dabarsee kennuuf aangoo qaba; deebisee fudhachuufis aangoo qaba; Ajaja kanas Abbaa kiyya biraa fudhadheera." 19 Ammas sababii dubbii kanaatiif Yihuudota jidduutti garaa garummaan uumame. 20 Baay'eeni isaaniis, "jinniittu isa keesa jira; inni maraateera; isin maaliif isa dhageettu?" jedhan. 21 Warri kaan ammoo, "kun jecha nama jinniidhaan qabameetii miti; jinniin ija nama jaamaa banuu ni danda'aa?" jedhan.

Amanuu Diduu Yihuudotaa

22 Yeroo sana ayyaanni mana qulaqullummaa haaressuu Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yerooni sunis ganna ture. 23 Yesuusis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Solomooni jala dedeebi'aa ture. 24 Yihuudonnis isa marsanii, "hanga yoomiitti qalbii nu rarraafta? Ati yoo Kiristoos taate ifatti baasii nutti himi" jedhaniin. 25 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hujiini ajaa'ibsiisaani ani maqaa Abbaa kiyyaatiin hojjadhu waayee kiyya dhugeessa. 26 Isin garuu waan hoolota kiyya hin ta'iniif hin amantan. 27 Hoolonni kiyya sagalee kiyya ni dhagawu; Anis isaan beeka; isaanis na faana bu'u. 28 Anis jireenna barabaraa nan kennaaf; isaanis matumaa hin badan. Eennuyyuu harka kiyya keessaa isaan hin butatu. 29 Abbaan kiyya kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokkolleen harka Abbaa kiyyaa keessaa isaan butachuu hin danda'u. 30 Anii fi Abbaan tokkuma." 31 Yihuudonni isa rukutuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan. 32 Yesuusis, "ani hujii dinqii gugurdaa Abbaan kiyyaa natti kenne baayee isinitti argisiiseera; hujii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaan na rukuttu?" jedheen. 33 Yihuudonnis, "wanni nu dhagaadhaan si rukunnuuf sababii ati Waaqa arrabsiteef malee sababii ati hujii dinqii hojjatteefii miti; ati otoo namuma taatee jirtuu Waaqa uf-goota" jedhanii deebisaniif. 34 Yesuus ammoo akkana jedhee deebiseef; "seera keessan keessatti, 'ani isin Waaqota jedheera' jedhamee barreeffameeraa mitii? 35 Inni erga warra dubbiini waaqayyoo isaaniif dhufeen 'Waaqota' jedhee, kitaabni immoo waan hin diigamneef, 36 'Sababii ani, 'ani ilma Waaqaa ti' jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara biyya lafaatti erge sanaan,' Ati Waaqa arrabsita' jettu? 37 Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hojjanne na hin amaninaa. 38 Yoo ani hujii sana hojjadhee garuu yoo na amanuu baattanillee hujicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beettanii akka hubattaniif." 39 Isaan ammas isa qabuu yaalan; inni garuu isaan harkaa ba'ee. 40 Yesuus ammas deebi'ee Yordaanos gama bakka Yohaannis jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqe; achis ture. 41 Namoonni baay'eenis gara isaa dhufanii, "Yohaannis milikkita tokkollee hin hojjanne; garuu wonni inni waayee namicha kanaa dubbate cuftinuu dhugaa dha" jedhan. 42 Achittis namoonni hedduuni Yesuusitti amanan.

John 11

Du'uu Alaazaari

1 Namichi Alaazaar jedhamu kan biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsachaa ture; biitaaniyaani kunis ganda Maariyaamiifi obboleettiin ishii Maartaan keessa jiraataniidha. 2 Maariyaam ishiin obboeessii ishii Alaazaar dhukkubsate tun, ishiidhuma dhadhaa urgaa'a gooftaa dibdee rifeensa mataa ishiitiin miila isaa haaxxee sanaa dha. 3 Kanaaf obboleettonni isaa, "yaa gooftaa, namichi ati jaalattu kunoo dhukkubsachaa jira" jedhanii Yesuusitti dhaaman. 4 Yesuusis yommuu waan kana dhaga'etti, "dhukkubni kun akka ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfinna Waaqaatiif dhufe malee du'a hin fidu" jedhe. 5 Yesuus Maartaa fi obboleettii ishii, Alaazaarinis ni jaalata ture. 6 Innis gaafa akka Alaazaar dhukkubsate dhaga'ee jalqabee guyyaa lama bakkuma jiru sana ture. 7 Innis barattoota isaatiin, "koottaa Yihuudaatti deebinaa" jedhe. 8 Barattoonni isaa immoo, "yaa barsiisaa, Yihuudonni dhiyeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati ammallee deebitee achi dhaxxaa?" jedhaniin. 9 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "guyyaani tokko sa'aatii kudhanii lama qabaa mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu. 10 Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata." 11 Innis erga waan kana dubbateen duubatti, itti fufee, "firri keenna Alaazaar rafeera; ani garuu hirriibaa isa kaasuu nan dhaqa" isaaniin jedhe. 12 Barattoonni isaas, "yaa gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya" jedhaniin. 13 Yesuus waayee du'a Alaazaari dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waayee rafiitii hirriibaa dubbate se'an. 14 Kanaaf Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; "Alaazaar du'eera; 15 Akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waayee keessaniif nan gammada; ta'us koottaa gara isaa dhaqnaa." 16 Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, "nus akka isa waliin duunuuf ka'aa ni dhaqnaa" jedhe.

Yesuus Obboleettota Alaazaari Jajjabeessuu Isaa

17 Yesuus yommuu achi ga'etti akka Alaazaar erga awwaalamee guyyaa afur ture beeke. 18 Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetirii sadii fagaatti turte. 19 Yihuudonni baay'een Maartaa fi Maariyaamin waayee du'a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan. 20 Maartaan yommuu dhufaatii Yesuusi dhageessetti isa simachuu gadi baate; Maariyaam garuu manatti hafte.' 21 Maartaanis Yesuusiin akkana jette; "Yaa Gooftaa, otoo ati asi jiraattee silaa obboleessi kiyya hin du'u ture. 22 Ammas taanaan akka Waaqni waan ati kadhattu cufa sii kennu nan beeka." 23 Yesuusis, "obboleessi kee du'aa ni ka'a" jedheen. 24 Martaanis deebiftee, "akka inni du'aa ka'iisa guyyaa dhumaa sanatti ka'u ani beeka" jetteen. 25 Yesuus immoo akkana jedheen; "du'aa ka'iisnii fi jireenyi ana; namni natti amanu yoo du'ellee ni jiraata. 26 Kan jiraatuu fi kan natti amanu kamiyyuu matumaa hin du'u; kana ni amantaa ree? 27 Isiinis, "eeyee! Yaa Gooftaa, akka ati Ilma Waaqaa, masiihicha gara biyya lafaa dhufu sana taate nan amana" jetteen. 28 Ishiinis erga waan kana dubbattee booddee dhaxxee obboleettii ishii Maariyaamin ofitti waamtee, "Barsiisaan dhufeera; si waamas" jetteen. 29 Maariyaamis yommuu kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaxxe. 30 Yesuus yeroo sana bakka Maartaani itti isa simatte ture malee ammallee ganda sana hin seenne. 31 Yihuudonni Maariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishii bira turanis yommuu akka ishiin akkas ariitiidhaan kaatee gadi baate arganitti waan ishiin achitti boowuuf jettee gara awwaala sanaa dhaxxu se'anii ishii hordofan. 32 Maariyaamis yommuu bakka Yesuus ture sana geessee isa argitetti, miila isaa irratti lafa dhooftee, "Yaa Gooftaa otoo ati asi jiraattee silaa obboleessi kiyya hin du'u ture" jetteen. 33 Yesuusis boowuu ishii, Yihuudonni ishii wajjiin dhufanis boowuu isaanii yommuu argetti Hafuura isaatiin akka malee gadde; ni dhiphates. 34 Innis, "eessa isa keettan?" jedhee isaan gaafate; Isaanis, "Yaa Gooftaa, koottuu ilaali" jedhaniin. 35 Yesuusis ni boo'e. 36 Yihuudonnis, "inni hagam akka isa jaalachaa ture mee ilaalaa!" jedhan. 37 Warri kaan garuu, "inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin danda'u turee?" jedhan.

Yesuus Alaazaarin Du'aa Kaase

38 Yesuus Ammas akka malee gaddee gara awwaala sanaa dhaqe; Awwalli sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture. 39 Yesuusis, "dhagaa kana achi irraa fuudhaa!" jedhe. Maartaan Obboleettiin namicha du'e sanaa garuu, "Yaa Gooftaa, inni eegii awwaalamee waan guyyaa afur tureef yoona foolii hamaa qabaata" jetteen. 40 Yesuusi ammoo "ati yoo amante akka ulfinna Waaqaa agartu ani sitti hin himnee?" jedheen. 41 Kanaaf awwaalicha irraa dhagicha fuudhan; Yesuusis ol ilaalee akkana jedhe; "Yaa Abbaa, waan na dhageetteef sin galateeffadha. 42 Akka ati yeroo hunda na dhageettu ani beekeera; garuu akka namoonni asi dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedhee kana dubbadhe." 43 Yesuusis eega waan kana dubbatee booddee, "Alaazaar, olbayi!" jedhee sagalee guddaan iyye. 44 Namichi du'e sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuu kafanaatiin kafanametti, fuulli isaas wayaadhaan akkuma marametti ol-bahe. Yesuusis, "huccuu kafanaa sana irraa hiikaatii gadi isa dhiisaa" jedheen.

Yesuusin Ajjeesuudhaaf Korachuu isaanii

45 Kanaaf Yihuudota gara Maariyaami dhufanii waan Yesuus hojjate argan keessaa hedduun isatti amanan. 46 Isaani keessaa tokko tokko garuu Fariisota bira dhaqanii waan Yesuus hojjate itti himan. 47 Kanaaf luboonni hangafoonnii fi Fariisonni wal-gayii gumii Yihuudotaa waaman. Isaanis akkana jedhanii gaafatan; "namichi kun waan milikkita baay'ee agarsiisaa jiruuf maal gochuu nuu wayya? 48 Yoo akkasumatti isa dhiifne namni cufti isatti amana; warri Roomaas dhufanii bakka keennaa fi saba keenna nurraa fudhatu." 49 Isaani keessaas namichi Qayyaaffaa jedhamu kan bara sana luba ol aanaa ture tokko akkana isaaniin jedhe; "isin waan tokkollee hin beettan; 50 Sabni guutummaatti dhumuu irra namni tokko sabaaf du'uun akka isinii wayyu hin hubattan." 51 Innis bara sana waan luba ol aanaa tureef, akka Yesuus saba sanaaf du'u raajii dubbachuu isaa ti malee, dubbii kana ofkeessaa fuudhee hin dubbanne. 52 Kunis ijoollee Waaqayyoo kanneen bittinnaa'an bakka tokkotti walitti qabuuf malee saba sana qofaafii miti. 53 Kanaaf isaani gaafasii jalqabanii isa ajjeesuuf korachaa turan. 54 Kanaafuu Yesuus ifatti bahee Yihuudota jidduu hin dedeebine; Achii ka'ee gara magaalaa Efreemi ishii lafa onaatti dhiyoo jirtu tokkoo dhaqe; barattoota isaa waliinis achi ture. 55 Faasikaan Yihuudotaa waan dhiyaatee tureef, namoonni hedduun otoo faasikaan hin ga'in uf qulqulleessuuf jedhanii baadiyaadhaa Yerusaalemitti ol-ba'an. 56 Isaanis Yesuusin barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessas dhaabatanii, "isin maal seetu? Inni gara ayyaana kanaa hin dhufuu laata?" waliin jedhan. 57 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni garuu Yesuusin qabuuf jedhanii namni bakka inni jiru beeku yoo jiraate akka isaanitti himuuf ajaja kennan.

John 12

Yesuus Biitaaniyaatti Urgooftuu Dibame

1 Faasikaa dura guyyaa ja'affaatti Yesuus gara Biitaaniyaa biyya Alaazaar, namichi Yesuus du'aa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe. 2 Achitti Irbaata qopheessaniif; Maartaanis ni tajaajilti turte; Alaazaar garuu warra isa wajjiin irbaatatti dhiyaatan keessaa tokko ture. 3 Yommus Maariyaam dibata urgaa'aa gatiini isaa guddaa kan Naardoos jedhamu tokko gara liitirii wadhakkaa fiddee miila Yesuusi dibde; rifeensa mataa isiitiinis miila isaa haaxxe; manichis urga'a dibata sanaatiin guutame. 4 Barattoota isaa keessaa tokko inni dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Asqorootichi garuu akkana jedhe; 5 "dibanni urgaa'aan kun maaliif diinaara dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?" 6 Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee, hiyyeeyyiif gaddeetii miti. Innis sababii Korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu ofii isaatii fudhachaa ture. 7 Yesuusis deebisee akkana jedhe; "dibata kana guyyaa awwaala kiyyaatiif haa tursituutii ishii hin tuqinaa. 8 Hiyyeeyyiin yeroo mara isin bira jiru; ana garuu yeroo mara na hin argattan." 9 Yihuudonni baay'een akka Yesuus achi jiru beekanii dhufan; dhufaatiin isaaniis Yesuusin qofa otoo hin ta'in, Alaazaar isa inni du'aa kaases ilaaluuf ture. 10 Kanaaf luboonni hangafoonni Alaazaarin ajjeesuuf mariyatan. 11 Yihuudota keessaa namoonni baay'een sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.

Yesuus Ulfinnaan Yerusaalem Seenuu Isaa

12 Guyyaa itti aanutti namoonni ayyaanichaaf dhufanii turan baay'een akka Yesuus gara Yerusaalemi dhufaa jiru dhagayan. 13 Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu bahan; sagalee guddaanis akkana jedhan: "Hoosaanaa!" kan maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha! "Mootiin Israa'eli eebbifamaa dha." 14 Yesuusis ilmoo harree tokko argee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha; 15 "Yaa Intala Xiyooni, hin sodaatin; kunoo, mootiin kee, ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira." 16 Barattoonni isaa jalqabatti waan kana cufa hin hubanne; erga Yesuus ulfinna argatee duubatti garuu akka wonni barreeffame kun waayee isaa ta'ee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan qaabatan. 17 Namoonni yommuu inni Alaazaarin awwaala keessaa waamee du'aa kaasetti isa waliin turanis waan argan sana odeessaa turan. 18 Sababiin namoonni baay'eeni isa simachuu ba'aniifis waan milikkita kana gochuu isaa dhaga'aniif. 19 Kanaaf Fariisonni, "Isin akka waa tokkollee isa gochuu hin dandeenne argitanii? kunoo, biyyi lafaa hundumtuu isa faana bu'eera!" waliin jedhan.

Yesuus Duraan Dursee Waayee Du'a Isaa Dubbate

20 Warra Yeroo ayyaanichaatti sagaduudhaaf ol-ba'an keessaa tokko tokko Giriikota turan. 21 Isaanis Filiphoos nama biyya Galiilaatii Beetsayidaa dhufe sana bira dhaqanii, "Yaa Gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna" jedhanin. 22 Filiphoosis dhaqee Indiriyaasitti hime; Indiriyaasii fi Filiphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan. 23 Yesuusis akkana jedhee deebise; "sa'aatiin Ilmi namaa itti ulfinna argatu gaheera. 24 Ani dhuguman isinitti hima; firiini qamadii tokko yoo lafa buutee du'uu baatte kophaa ishii hafti; yoo duute garuu firii baay'ee naqatti. 25 Namni lubbuu isaa mararfatu kamiyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan biyya lafaa kana irratti lubbuu isaa jibbu kamiyyuu garuu jireenya barabaraatiif lubbuu isaa keewwata. 26 Namni na tajaajiluu barbaadu kamiyyuu na faana haa bu'uu; bakka ani jiru tajaajilaan kiyyas ni jiraata; Abbaan kiyya nama na tajaajiluuf ulfinna ni kenna. 27 "Ammas lubbuun tiyya dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? 'Yaa Abbaa, sa'aatii kana jalaa na baasi' jedhuu? akkasii miti; sababiini ani gara sa'aatii kanaa dhufeef kanuma. 28 Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!" Kana booddee qoonqii, "ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa" jedhu tokko samii irraa dhufe. 29 Namoonni achi dhadhaabachaa turan yommuu qoonqa kana dhagayanitti, "nimandi'e" jedhan. Kaan immooo, "Maleekkaa Waaqaattu isatti dubbate" jedhan. 30 Yesuus akkana jedhee deebisee; "qoonqi kun isiniif jedhee dhufe malee anaaf jedhee miti. 31 Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gadi gatama. 32 Ani garuu yeroo lafa irraa ol-fudhamutti nama cufa ofitti nan harkisa." 33 Innis akka du'a akkamii du'u agarsiisuuf kana jedhe. 34 Namoonnis deebisanii, "akka masiihiin barabaraan jiraatu nu seera irraa dhageenneerra; yoos ati akkamitti Ilmi Namaa olfudhamuu qaba jechuu dandeessa ree? Ilmi namaa kunis eenyu?" jedhaniin. 35 Yesuus ammoo akkana jedheen; "ifni yeroo gabaabaaf isin bira jira; akka dukkanni isin hin liqimsineef otoo ifa qabdanuu deddeebi'aa; namni dukkana keessa deemu eessa akka dhaqu hin beekuutii. 36 Ijoollee ifaa akka taataniif otoo ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa." Yesuusis eega waan kana dubbatee fixee booddee bakka sanaa ka'ee isaan duraa dhokate.

Yihuudonni Ittuma Fufanii Amanuu Diduu Isaanii

37 Otuma Yesuus ija isaanii duratti dinqii hedduu hojjatuu, isaan ammas isatti amanuu didan. 38 Kunis dubbiin Isaayyaas raagichaa kan, "Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyuttu amane? Irreen Gooftaas eenyutti muldhate?" jedhu sun akka raawwatamuuf ture. 39 Kanaaf isaan isatti amanuu hin dandeenye; Isaayyaas ammas bakka biraatti akkana jedheeraatii; 40 "Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kiyyatti hin deebineef, Inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera." 41 Isaayyaas sababii ulfinna Kiristoosi argee waayee isaas dubbateef kana jedhe. 42 Ta'us warra aangoo qaban keessaallee namoonni baay'een isatti amanan; garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif isatti amanuu isaanii ifatti hin baafne. 43 Isaan ulfinna Waaqa irraa dhufu caalaa ulfinna nama irraa dhufu jaalataniiruutii. 44 Yesuusis sagalee isaa olfudhatee akkana jedhe; "Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti amanaa miti. 45 Kan na argus isa na erge sana arga. 46 Akka namni natti amanu martinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa ta'ee gara biyya lafaa dhufeera. 47 "Namni kamiyyuu yoo dubbii kiyya dhagayee eeguu baate kan isatti muru anaa miti; Ani biyya lafaa fayyisuuf dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii. 48 Namni na didu kan dubbii kiyyas hin fudhanne Abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura. 49 Abbaa na erge sanattu akka ani maal dubbaadhuufi akka ani akkam dubbadhu na ajaje malee ani ufii kiyyaan hin dubbanne. 50 Akka ajajni isaa jireenya barabaraa ta'e ani beeka; kanaaf wonni ani dubbadhu hundinuu waanuma akka ani dubbadhuuf abbaani natti himee dha.

John 13

Yesuus Miila Barattoota Isaa Dhiqe

1 Yerooni sun ayyaana faasikaatiin dura ture; Yesuusis akka biyya lafaa kana keessaa gara Abbaa dhaquuf sa'aatiin isaa ga'e ni beeke; innis warra kan isaa ta'an kanneen biyya lafaa keessa turan ni jaalate; hanga dhumaattis isaan jaalate. 2 Yesuusiifi barattoonni isaa irbaata nyaachaa turan; Daabiloosis akka inni Yesuusin dabarsee kennuuf ilma Simooni, jechuunis Yihuuda Asqorooticha duraan dursee kakaasee ture. 3 Yesuusis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Waaqa biraa dhufee fi akka gara waaqaatti deebi'us beeka ture. 4 Kanaaf irbaata irraa ka'ee, wayaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaa'e; fooxaas mudhiitti hidhate. 5 Eegasii bishaan gabateetti naqatee miila barattoota isaa dhiquu, fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haaquu jalqabe. 6 Innis gara Simoon Pheexiroosi dhufe; Pheexirooisis, "Yaa Gooftaa, sittuu miila koo naa dhiqaa?" jedheen. 7 Yesuus ammoo deebisee, "waan ani hojjachaa jiru ati amma hin beettu; booddee garuu ni hubatta" jedheen. 8 Pheexiroosis, "hinta'u; ati matumaa miila koo naa hin dhixxu" jedheen. Yesuusis deebisee, "Yoo ani sii dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabdu" jedheen. 9 Simoon Pheexiroosis deebisee, "Yaa Gooftaa, yoos harka kiyya fi mataa kiyyas malee miila kiyya qofa hinta'in" jedheen. 10 Yesuusis, "namni nafa isaa dhiqate tokko miila isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; nafni isaa guutuun qulqulluudha. Yoo hunda keessan ta'uu baatellee isin qulqulluudha” jedheen. 11 Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, "qulqulluun hunda keessanii miti" jedheefis kanumaa. 12 Innis erga miila isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee bakka isaatti deebi'ee taa'e; akkanas jedheen; "isin waan ani isiniif godhe hubattuu? 13 Isin, 'Barsiisaa', 'Gooftaas' naan jettu; anis waan isuma isin jettan ta'eef kun dhuguma. 14 Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miila keessan isinii dhiqee isinis akkasuma miila walii dhiquu qabdu. 15 Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera. 16 Ani dhuguma isinitti hima; tajaajilaan tokko gooftaa isaa hin caalu; yookaan ergamaan tokko kan isa erge hin caalu. 17 Eegaa yoo waan kana beettan, yoo raawwatanis isin eebbifamoo dha.

Yesuus Akka Dabarfamee Kennamu Duraan Dursee Dubbachuu Isaa

18 "Ani waayee cufa keessanii dubbachaa hin jiru; ani warra filadhe beeka; kun garuu dubbiini kitaabaa kan, 'inni buddeena kiyya kan nyaate koomee isaa natti ol-fudhate' jedhu sun akka raawwatamuuf. 19 "Isin yommuu inni raawwatamutti akka ani isa ta'e akka amantaniif otoo inni hin raawwatamin amma isinitti nan hima. 20 Ani dhuguma isinitti hima; kan nama ani ergu simatu na simata; kan na simatus isa na erge simata." 21 Yesuusis eega kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee "ani dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna" jedhe. 22 Barattoonnis akka inni waayee eennuu dubbate waan hin beekiniif wal-ilaalan. 23 Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaalatu tokko Yesuusitti maxxanee taa'aa ture. 24 Simoon Pheexiroosis, "Mee eennuu jechuu isaa akka ta'e isa gaafadhu!" jedhee nyaaraan barataa sanatti hime. 25 Innis qoma Yesuusiitti hirkatee, "Yaa Gooftaa, eennu innii?" jedhee gaafate. 26 Yesuusis deebisee, "namichi ani buddeena kutee ittoo cuuphee kennuuf isa" jedhe; innis buddeena afaan keewwata tokkoo kutee ittoo cuuphee ilma Simoon Asqorootichaa, Yihuudaaf kenne. 27 Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Sheexanni itti gale. Yesuusis, "waan gochuuf jirtu dafii godhi" isaan jedhe. 28 Warra maaddiitti dhiyaatan sana keessaas namni tokkolleen waan Yesuus akkas isaan jedheef hin hubanne. 29 Sababii Yihuudaani korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Yesuus, "waan ayyaanaaf nu barbaachisu biti" jedheen, yookiin akka inni hiyyeeyyiif waa kennuuf waa isatti hime se'an. 30 Yihuudaanis akkuma buddeena sana fudhateen gadi baye; yerooni sunis halkani ture.

Yesuus Akka Pheexiroos Isa Ganu Duraan Dursee dubbate

31 Erga inni gadi ba'ee booddee Yesuus akkana jedhe; "amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqayyos isaan ulfaateera. 32 Waaqayyo erga isaan ulfaatee, inni ofuma isaatiin isa ulfeessa; yeruma sanas isa ulfeessa. 33 "Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjiin jira; isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudotaan, 'bakka ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan' jedhe sana ammas isiniin nan jedha. 34 Akka isin wal-jaalattaniif ani ajaja haaraya isiniif kenna; akkuma ani isin jaaladhetti isinis akkasuma wal-jaaladhaa. 35 Yoo isin wal-Jaalattan namoonni martinuu akka isin barattoota kiyya taatan wal-jaalachuu keessaniin beeku. 36 Simoon Pheexiroosis, "Yaa Gooftaa, eessa dhaxxa?" jedhee isa gaafate. Yesuusis, "ati amma bakka ani dhaqu na faana deemuu hin dandeettu; booddee garuu na hordofta" jedhee deebiseef. 37 Pheexiroosis, "Yaa Gooftaa, ani maaliif amma si faana deemuu hin dandeenye? Ani sii jedhee lubbuu kiyyallee nankenna" jedheen. 38 Yesuusis deebisee, "ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman sitti hima; otoo kormi lukkuu hin iyyin ati yeroo sadii na ganta" jedheen.

John 14

Yesuus Barattoota Isaa Jajjabeessuu Isaa

1 "Garaani keessan hin raafamin; Waaqatti amanaa; nattis amanaa. 2 Mana Abbaa kiyyaa keessa bakka jireennaa baay'eetu jira; otoo akkana ta'uu baatee isinitti nan hima ture; ani bakka isinii qopheessuuf achi dhaqaatii. 3 Anis eegii dhaqee bakka isinii qopheessee booddee, akka isinis bakka ani jiru jiraattaniif deebi'ee dhufee ofitti isin fudhadha. 4 Isinis karaa bakka ani dhaqutti geessu beettu."

Yesuus Karaa Gara Abbaatti Geessu Ta'uu Isaa

5 Toomaasis, "Yaa Gooftaa, ati eessa akka dhaxxu nu hin beennu; yoos akkamitti karaa sana beekuu dandeenya ree?" jedheen. 6 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "karaa fi dhugaani, jireennis anuma; yoo anaan ta'e malee eennuyyuu gara Abbaa hin dhufu. 7 Otoo na beettanii silaa Abbaa kiyyas akkasuma ni beettu turtan; ammaa jalqabdaniis isa beettu; isas argitaniirtu." 8 Filiphoosis, "Yaa Gooftaa, Abbaa nutti agarsiisi; kunis nu gaha" jedheen. 9 Yesuusis akkana isaan jedhe; "yaa Filiphoos, ani yeroo dheeraa akkanaa isin waliin jiraadhee, ati ammallee na hin beennee? Namni na arge Abbaas argeera; yoos ati akkamitti, 'Abbaa nutti agarsiis' jechuu dandeessa ree? 10 Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbii isinitti dubbadhu kana ofuma kiyyaan hin dubbadhu; garuu Abbaani inni na keessa jiraatu hujii isaa ni hojjata. 11 Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru na amanaa; yookaan sababii hujii dinqii sanaatiif jedhaatii na amanaa. 12 Ani Dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hujii ani hojjadhu ni hojjata; ani waan gara Abbaa dhaquuf kan natti amanu waan kana caaluyyuu ni hojjata. 13 Akka Abbaan ilma isaatiin ulfinna argatuuf ani waan isin maqaa kiyyaan kadhattan cufa nan raawwadha. 14 Yoo isin waanuma fedheyyuu maqaa kiyyaan kadhattan ani nan raawwadha.

Yesuus Akka Hafuura Qulqulluu Erguu Abdachiisuu Isaa

15 "Isin yoo na jaalattan ajaja kiyya ni eeddu; 16 Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni barabaraan isin bira jiraatuuf jajjabeessaa dhibii isinii kenna. 17 Jajjabeessaan kunis Hafuura dhugaa ti; addunyaan waan isa hin argineef yookiin waan isa hin beenneef isa fudhachuu hin danda'u; isin garuu waan inni isin bira jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beettu. 18 Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa. 19 Yeroo gabaabduu booddee addunyaan deebi'ee na hin argu; isin garuu na argitu; sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu. 20 Akka ani Abbaa kiyya keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru guyyaa sana ni beettu. 21 Namni ajaja kiyya uf-biraa qabu, isas kan eegu, inni nama na jaalatuu dha; nama na jaalatu Abbaan kiyya ni jaalata; anis isa nanjaaladha; isattis uf nan muldhisa." 22 Yihuudaa Asqorooticha otoo hin ta'in Yihuudaani kaan, "Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti otoo hin ta'in nutti uf muldhisuu barbaadda?" jedheen. 23 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "namni kamiyyuu yoo na jaalate dubbii kiyya ni eega; Abbaani kiyya isa ni jaalata; nus gara isaa ni dhufna; isa waliinis nijiraanna. 24 Namni na hin jaalanne dubbii kiyya hin eegu; dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaa ti malee kiyyaa miti. 25 "Ani otuma isin wajjiin jiruu waan kana hunda isinitti himeera. 26 Jajjabeessaan sun jechuunis Hafuurri qulqulluuni Abbaan maqaa kiyyaan ergu sun garuu waan cufa isin barsiisa; waan ani isinitti hime maras isin yaadachiisa. 27 Ani nagaya isin biratti nan hambisa; nagaya kiyyas isiniif nan kenna; ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu; garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis. 28 "Isin akka ani, 'ani nan deema; deebi'ees gara keessan nan dhufa' jedhe dhageettaniirtu; otoo na jaalattanii silaa gara Abbaa dhaquu kiyyaati ni gammaddu turtan; Abbaani na caalaatii. 29 Yommuu wanni kun ta'utti akka isin amantaniif otoo inni hin ta'in ani amma duraan dursee isinitti himeera. 30 Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf, ani ammaan achi isin waliin baay'ee hin dubbadhu; innis narratti aangoo hin qabu; 31 Garuu akka ani Abbaa jaaladhu addunyaani akka beekuuf, ani akkuma Abbaan na ajajetti nan raawwadha. "Ka'aa asii ni deemnaa."

John 15

Muka Wayiniitii Fi Dameewwan Isaa

1 "Ani muka wayinii dhugaati; kan dhaabes Abbaa kiyya. 2 Inni damee kiyya kan firii hin naqanne cufa muree gata; damee firii gaarii naqatu ammoo akka caalaatti naqatuuf irraa qora. 3 Isinis dubbii ani isinitti dubbadheen ammayyuu qulqullooftaniirtu. 4 Na keessa jiraadhaa; anis isin keessan nan jiraadhaa; akkuma dameen tokko yoo muka wayiniitti jiraattu malee ofuma isiitiin firii naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee firii naqachuu hin dandeettan. 5 "Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni tokko yoo na keessa jiraate, anis yoo isa keessa jiraadhe inni firii baay'ee naqata; isin narraa gargari baatanii womaa gochuu hin dandeettaniitii. 6 Namni na keessa hin jiraanne kamiyyuu akka damee gadi gatamee gogu tokkoo ti. Dameewwan akkanaa walitti qabamanii ibiddatti naqamu; ni gubamus. 7 Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin kiyyas yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama. 8 Isin firii baay'ee naqachuudhaan akka barattoota kiyya taatan yoo mirkaneessitan, kanaan Abbaani kiyya ulfinna argata. 9 "Akkuma Abbaan na jaalatetti anis akkasuma isin jaaladheera; jaalala kiyya keessa jiraadha. 10 Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajaja kiyya eeddan jaalala kiyya keessa ni jiraattu. 11 Akka gammachuun kiyya isin keessa jiraatuu fi gammachuun keessanis akka guutuu ta'uuf ani waan kana isinitti himeera.12 Ajajni kiyya isa kana; akkuma ani isin jaaladhetti isinis wal-jaaladhaa. 13 Eenyulleen jaalala guddaa namni tokko lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu. 14 Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin jaallan kiyya. 15 Garbichi waan gooftaan isaa hojjatu waan hin beenneef ani ammaan achi garboota isiniin hin jedhu; qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; Ani waan Abbaa kiyya irraa dhagaye hundumaa isin beessiseeraatii. 16 Isinis akka dhaxxanii firii naqattaaniif, firiin keessanis akka jiraatuuf nattu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne; kunis akka Abbaan waan isin maqaa kiyyaan kadhattan mara isinii kennuuf. 17 Ajajni kiyya isa kana: wal-jaaladhaa.

Biyyi Lafaa Barattoota Jibbuu Isaa

18 "Biyyi lafaa yoo isin jibbe, otoo isin hin jibbin dura akka na jibbe beekaa. 19 Isin otoo kan biyya lafaa taatanii, biyyi lafaa akka kan mataa isaatti isin jaalata ture; amma garuu waan ani biyya lafaa keessaa isin filadheef isin kan biyya lafaatii miti; biyyi lafaas kanumaaf isin jibba. 20 Dubbii ani, 'garbichi gooftaa isaa hin caalu' isiniin jedhe sana yaadadhaa. Isaan erga na gaargalchanii, isinis akkasuma gaargalchu; dubbii kiyyas erga eeganii keessanis akkasuma ni eegu. 21 Isaan sababii isa na erge sana hin beenneef, maqaa kiyyaaf jedhanii waan kana cufa isin irratti raawwatu. 22 Otoo ani dhufee isaanitti himuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u ture; amma garuu cubbuu isaaniitiif sababii dhiyeeffatan hin qaban. 23 Namni na jibbu Abbaa kiyyas akkasuma ni jibba. 24 Otoo ani hujii namni biraa tokkoyyuu hin hojjatin jidduu isaaniitti hojjachuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u ture; Amma garuu otuma waan ani hojjadhe arganuu anas Abbaa kiyyas jibbaniiru. 25 Kunis akka dubbiin seera isaanii keessatti, 'isaan sababii malee na jibban' jedhamee barreeffame sun raawwatamuuf ta'e. 26 "Garuu jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa ba'u sun yommuu dhufutti waayee kiyya ni dhugeessa. 27 Isinis jalqabaa kaaftanii waan na waliin turtaniif ni dhugeessitu.

John 16

1 "Ani akka isin hin gufanneef jedhee kana hundumaa isinitti himeera. 2 Isaani mana sagadaa keessaa isin ariyu; Dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kamiyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa. 3 Isaanis waan Abbaa yookiin na hin beekiniif kana godhu. 4 Isinis Waayee isaanii isinitti himuu kiyya yommuu yeroon sun gawutti akka qaabattaniif ani waan kana isinitti dubbadheera. Ani waan isin wajjiin tureef jalqabatti kana isinitti hin himne.

Hujii Hafuura Qulqulluu

5 "Amma garuu ani gara isa na ergee nan dhaqa; ta'us isin keessaa namni, 'ati eessa dhaxxa?' jedhee na gaafatu tokkolleeni hin jiru. 6 Garuu waan ani kana isinitti himeef akka malee gadditaniirtu. 7 Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun kiyya bu'aa isiniif qaba; yoo ani deeme malee jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoo deeme garuu isa isiniif nan erga. 8 Innis yommuu dhufutti uumata addunyaa waayee cubbuu, waayee qajeelummaatii fi waayee murtii hubachiisa. 9 Wonni inni waayee cubbuu hubachiisuuf sababii namoonni natti hin amanneef; 10 Wonni inni waayee qajeelummaa hubachiisuuf sababii ani gara Abbaa dhaquutii fi sababii isinis kana booddee na hin argineef. 11 Wonni inni waayee murtii hubachiisuufis sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef. 12 "Ani ammallee waan isinitti himu baay'ee qaba; isin garuu amma baachuu hin dandeettan. 13 Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa maraatti isin geessa; inni waan dhagawu qofa dubbata malee ufuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima. 14 Inni waanuma kiyya fuudhee waan isinitti himuuf ulfinna naa kenna. 15 Wonni Abbaan qabu hundinuu kiyyuma; Inni waanuma kiyya fuudhee isinitti hima jechuun kiyyas kanaaf. 16 "Isin yeroo gabaabaaf na hin argitan; yeroo gabaabaan duubatti ammoo na argitu."

Gaddi Barattootaa Gammachuutti Ni jijjiirama

17 Barattoota isaa keessaas tokko tokko, "'isin yeroo gabaabaaf na hin argitan; Yeroo gabaabaan duubatti ammoo na argitu,' akkanumas 'ani waan gara Abbaa dhaquuf' jechuun isaa maal jechuu isaati?" waliin jedhan. 18 Isaanis, "'yeroo gabaabaa' jechuun isaa maal jechuu isaa tii? Maal jechuu isaa akka ta'e nu hin beennu" jedhan. 19 Yesuusis akka isaan isa gaafachuu barbaadan beekee akkana jedheen; "wonni ani, 'isin yeroo gabaabaaf na hin argitan; yeroo gabaabaan duubatti ammoo na argitu' jedhe sun maal jechuu kiyya akka ta'e wal-gaafachaa jirtuu? 20 Ani dhuguman isinitti hima; isin ni boottu; ni wawwaattus. Biyyi lafaa garuu ni gammada. Isin ni gadditu; gaddi keessan garuu gammachuutti ni jijjiirama. 21 Dubartiin tokko yommuu ciniinsifattu, waan yeroon isii ga'eef ni cinqamti; eega daa'ima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isiinis waan gammadduuf cinqama sana hin yaadattu. 22 Isiniifis akkasuma yeroon kun yeroo gaddaa ti; ani garuu deebi'ee isin ilaala, isinis ni gammaddu. Gammachuu keessanis eennuyyuu isin irraa hin fudhatu. 23 Guyyaa sana isin womaa na hin kadhattan; ani dhuguman isinitti hima; isin yoo waanuma feetan maqaa kiyyaan Abbaa kadhattan inni isinii kenna. 24 Isin hanga ammaatti maqaa kiyyaan womaa hin kadhanne; gammachuun keessan akka guutuu ta'uuf kadhadhaa, ni argattus. 25 "Ani waan kana fakkeenyaan isinitti himeera; garuu yeroon ani deebi'ee fakkeenyaan isinitti hin dubbanne tokko ni dhufa; yommus ani waayee Abbaa kiyyaa ifatti baasee isinitti hima. 26 Isin guyyaa sana maqaa kiyyaan ni kadhattu; anis qooda keessan Abbaa nan kadhadha jechuu miti. 27 Isin waan na jaalattaniif, Abbaa biraa ba'ee dhufuu kiyyas waan amantaniif Abbaan mataan isaa isin jaalata. 28 Ani Abbaa biraa bahee gara biyya lafaa dhufeera; ammas biyya lafaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa." 29 Barattoonni isaas akkana jedhan; "kunoo, ati ammayyuu fakkeennaan otoo hin ta'in ifatti baaftee dubbachaa jirta! 30 Akka ati waan cufa beettuufi akka namni tokkolleen gaafii si gaafachuu hin barbaachifne nu amma hubanneerra. Kunis akka ati Waaqa biraa dhufte nu amansiisa." 31 Yesuusis deebisee akkana jedheen; "isin amma dhuguma amantaniirtuu? 32 Yeroon isin itti kophaatti na dhiiftanii gara mana keessaniitti bittinnooftan tokko ni dhufa; ammumayyuu dhufeera. garuu Abbaan kiyya waan na waliin jiruuf ani kophaa kiyyaa miti. 33 Akka isin na keessa jiraachuudhaan nagaya qabaattaniif ani kana isinitti himeera; biyya lafaa kana irratti rakkinni isin argata; garuu jabaadhaa! ani biyya lafaa Moo'adheeraatii."

John 17

Yesuus Ufiif Kadhachuu Isaa

1 Yesuus erga waan kana dubbatee booddee gara samii ol-ilaalee akkana jedhee kadhate; "Yaa Abbaa, sa'aatiin sun gayeera; akka Ilmi kee ulfinna sii kennuuf, atis Ilma keetii ulfinna kenni. 2 Inni warra ati isatti kennite maraaf akka jireenya barabaraa kennuuf, nama mara irratti aangoo isaaf kenniteertaatii. 3 Jireenyi barabaraas isa kana; innis si Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu dha. 4 Ani hujii ati akka ani hojjadhuuf natti kennite sana raawwachuundhaan biyya lafaa irratti ulfinna sii kenneera. 5 Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfinna ani otoo addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.

Yesuus Barattoota Isaatiif Kadhachuu Isaa

6 "Ani warra ati addunyaa keessaa natti kennitetti maqaa kee beessiseera. Isaan kankee turan; ati natti isaan kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru. 7 Isaanis akka wonni ati natti kennite hundumtuu si biraa dhufe amma ni beeku. 8 Ani dubbii ati naa kennite isaanii kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa dhufes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru. 9 Ani isaaniif nan kadhadha; warri ati naa kennite waan kankee ta'aniif isaaniif kadhadha malee biyya lafaatiif hin kadhadhu. 10 Wonni ani qabu cuftinuu kee ti; wonni ati qabdu cuftinuus kiyya; anis kanaan ulfinna nan argadha. 11 Ani kana booddee biyya lafaa irra hin jiraadhu; isaan garuu biyya lafaa irra jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis akka tokko ta'aniif maqaa kee isa naa kennite sanaan isaan eegi. 12 Ani yeroo isaan waliin turetti, maqaa kee isa ati naa kennite sanaan isaan eegeera. Isaan tisseeras. Akka dubbiin Kitaabaa raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokkolleen hin banne. 13 "Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu ta'uuf, ani otuma addunyaa irra jiruu kana dubbadha. 14 Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin ta'in, isaanis waan kan addunyaa hin ta'iniif, addunyaan isaan jibbeera. 15 Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eedduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si hin kadhadhu. 16 Akkuma ani kan addunyaa hin ta'in isaanis akkasuma kan addunyaatii miti. 17 Dhugaan isaan qulqulleessi dubbiin kee dhugaa dha. 18 Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera. 19 Akka isaan dhugaadhaan qulqullaa'aniif, ani isaaniif jedhee uf qulqulleessa.

Yesuus Amantoota Maraaf Kadhachuu Isaa

20 "Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu. 21 Kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundumti isaanii tokko ta'aniif; akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatanii. 22 Akkuma nu tokko taane isaanis akka tokko ta'aniif, ulfinna ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera; 23 Kunis akka isaan guutummaatti tokko ta'aniif ani isaan keessa, atis na keessa jiraachuun akka ati na ergitee fi akkuma na jaalattetti akka isaanis jaalatte, akka addunyaan beekuuf. 24 "Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunniin bakka ani jiru na waliin jiraatanii fi akka isaan ulfinna kiyya kan ati otoo addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaalateef jettee naa kennite arganis nan barbaada. 25 "Yaa Abbaa, Yaa Qajeelaa, addunyaan si hin beeku; ani garuu si beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku. 26 Jaalalli ati ittiin na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akka jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.

John 18

Yesuus Qabamuu Isaa

1 Yesuus erga kadhannaa kana raawwatee booddee ka'ee barattoota isaa waliin sulula Qeedirooni gama bakka ashaakiltiin ture tokkotti ce'e; innis, barattoonni isaas achi keessa seenan. 2 Yesuus yeroo baay'ee waan barattoota isaa wajjiin achitti wal-argaa tureef, Yihuudaan dabarsee Yesuusin kennu sun bakka sana beeka ture. 3 Kanaaf Yihuudaan tuuta loltootaa, akkasumas qondaaltota luboota hangafootaa fi Fariisota biraa ergaman fudhatee bakka ashaakiltii sana dhufe; isaanis: guca, faanosii fi mi'a lolaa qabatanii turan. 4 Yesuusis waan isa irra ga'uuf jiru mara beennaan gadi ba'ee, "isin eennun barbaaddu?" jedhee isaan gaafate. 5 Isaanis deebisanii, "Yesuusin, namicha Naazireeti" jedhan. Yesuus ammoo, "inni anuma" jedhe. Yihuudaan inni dabarsee isa kennu sunis jara waliin achi dhaabatee ture. 6 Yommuu Yesuus, "inni anuma" isaaniin jedhetti dudda duubatti hiiqanii kukkufan. 7 Ammas, "isin eennun barbaaddu?" jedhee isaan gaafate. Isaanis, "Yesuusin, namicha Naazireeti" jedhan.' 8 Yesuusis deebisee; "ani, 'inni anuma' isiniin jedheera; Kanaaf, isin erga na barbaaddanii namoota kanneen dhiisaa haa deemanii!" jedhe. 9 Kunis akka dubbiin inni, "ani warra ati naa kennite keessaa tokkollee hin ganne" jedhee dubbate sun raawwatamuuf ta'e. 10 Simoon Pheexiroosis waan goraadee qabatee tureef, goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhayee gurra isaa kan mirgaa irraa kute; maqaan garbicha sanaas Maalkoos ture. 11 Yesuusis Pheexiroosiin, "goraadee kee man'eesaatti deebisi; ani xuwwaa Abbaan naa qopheesse hin dhuguu?" jedheen.

Yesuus Gara Haannaa Geeffamuu Isaa

12 Tuunni loltootaatii fi ajajaan kumaa qondaaltonni Yihuudotaas Yesuusin qabanii hidhan. 13 Isaanis duraan dursanii Haannaatti isa geessan; Haannaan abbaa niitii Qayyaaffaa ture; Qayyaaffaan immoo bara sana luba olaanaa ture. 14 Qayyaaffaan isa akka namni tokko uumataaf du'uun wayyu Yihuudota gorse sana.

Pheexiroos Yeroo Jalqabaatiif Yesuusin Ganuu Isaa

15 Simoon Pheexiroosii fi barataan dhibiin Yesuus faana bu'an; barataan sunis waan luba ol aanaa biratti beekkamaa tureef, Yesuus waliin dallaa mana luba ol aanaa ol seene. 16 Pheexiroos garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekkamaa ture sunis gadi bayee intala balbala eeddutti himee Pheexiroosin ol seensise. 17 Intalli balbala eeddu sunis Pheexiroosiin, "atis barattoota namicha kanaa keessaa tokkoo mitii?" jette. Innis immoo deebisee, "lakki, anaa miti" jedhe. 18 Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonni fi qondaaltonni ibidda cilee qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan; Pheexiroosis isaan waliin dhaabatee qaqqaammachaa ture.

Gaafii Lubichi ol aanaan Yesuusiif Dhiyeesse

19 Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waayee barattoota isaatii fi waayee barsiisa isaa gaafate. 20 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "ani ifatti baasee addunyaatti dubbadheera; bakka Yihuudonni cufti itti walitti qabamanitti, manneen sagadaatii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo cufa barsiisaa ture; ani waan tokkollee dhossaatti hin dubbanne. 21 Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagayan gaafadhu; isaan waan ani jedhe beeku." 22 Yommuu Yesuus kana jedhetti qondaaltota achi dhadhaabachaa turan keessaa tokko, "luba ol aanaaf akkana deebiftaa?" jedhee isa dhabanaase. 23 Yesuusis deebisee, "yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa ba'i; yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na dhoofta?" jedhe. 24 Haannaanis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara luba ol aanaa, gara Qayyaaffaatti isa erge.

Pheexiroos Yeroo Lammaffaa Fi Sadaffaa Yesuusin Ganuu Isaa

25 Simoon Pheexiroos otoo dhaabatee ibidda qaqqaammachaa jiruu, "atis barattoota namicha kanaa keessaa tokkoo mitii?" jedhaniin. Inni ammoo, "lakki, anaa mitii" jedhee gane. 26 Garboota luba ol aanaa keessaas firri namicha isa Pheexiroos gurra isaa irraa kute sanaa tokko, "ani bakka ashaakiltiitti isa wajjiin si hin agarree?" jedhee gaafate. 27 Pheexiroos ammas ni gane; yoosumas kormi lukkuu iyyee.

Yesuus Fuula Philaaxoosi Duratti Dhiyeeffamuu Isaa

28 Yihuudonnis Yesuusin mana Qayyaaffaatii fuudhanii mana mootummaa bulchaa warra Roomaatti geessan; yeroon isaas ganama barii ture; Yihuudonnis akka hin xuroomneef jedhanii mana mootummaa ol hin seenne. Kunis akka faasikaa nyaachuu danda'aniif. 29 Kanaaf Philaaxoos gara isaaniitti gadi ba'ee, "himanni isin namicha kana irratti dhiyeessitan maali?" jedhee gaafate. 30 Isaanis, "otoo namichi kun yakka hojjachuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture" jedhanii deebisaniif. 31 Philaaxoosis, "isin ufuma keessanii isa fudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa" jedheen. Yihuudonnis, "nama tokkollee ajjeesuun nuuf hin eeyyamamu" jedhaniin. 32 Kunis wonni Yesuus akka du'a akkamiitiin du'u argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e. 33 Philaaxoosis deebi'ee mana mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, "mootiin Yihuudotaa si'ii?" jedhee isa gaafate. 34 Yesuusis, "Kuni yaaduma keeti moo yookaan namoota biraatu waayee kiyya sitti hime?" jedhee gaafate. 35 Philaaxoosis deebisee, "nattu Yihuudiidhaa ree? kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota; garuu ati maal balleessitee ti?" jedheen. 36 Yesuusis "Mootummaan kiyya kan addunyaa kanaatii miti; otoo kan addunyaa kanaa ta'ee, akka ani dabarfamee Yihuudotatti hin kennamneef tajaajiltoonni kiyya naa lolu turan; amma garuu mootummaan kiyya kan addunyaa kanaatii miti" jedhe. 37 Philaaxoosis; "yoos ati mootiidha kaa!" jedheen. Yesuus ammoo, "akka ani mootii ta'e dubbachuun kee sirrii dha; ani dhugaaf rageessuuf jedhee dhaladhe; wonni ani gara addunyaa dhufeefis kanuma; namni dhugaaf dhaabatu martinuu qoonqa kiyya dhagaya" jedhee deebise. 38 Philaaxoosis; "dhugaan maal innii?" jedheen. Innis eegii kana dubbatee booddee ammas Yihuudotatti gadi bayee akkana jedheen; "Ani balleessaa tokkollee isa irratti hin arganne. 39 Garuu isin akka ani yeroo Faasikaatti nama tokko mana hidhaatii gadi isinii dhiisu amala godhattaniirtu; kanaaf akka ani, 'Mootii Yihuudotaa gadi isinii dhiisu barbaadduu'?" 40 Isaan ammallee iyyaanii, "lakki, Barbaan malee isaa miti" jedhan. Barbaanis saamtuu ture.

John 19

Fannifamuun Yesuusitti Murame

1 Philaaxoosis Yesuusin ofitti fuudhee garafsiise. 2 Loltoonnis gonfoo qoraattii miciiranii dha'anii mataa isaa irra kaayan. Isaanis wayyaa dhiilgee isatti uffisanii; 3 "Akkam ree, yaa Mootii Yihuudotaa" jechaa gara isaatti dedeebi'aa turan; isas ni kabalan. 4 Philaaxoos ammas gadi ba'ee, Yihuudotaan, "akka ani balleessaa tokkollee isa irratti hin argatin akka beettaniif kunoo ani isa gad isinii baasa” jedhe. 5 Yesuusis gonfoo qoraattii keewwatee, wayyaa dhiilgees uffatee gadi ba'ee; Philaaxoosis, "namichi kunoo ti!" isaaniin jedhe. 6 Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni yommuu isa arganitti, "isa fannisaa! isa fannisaa!" jedhanii iyyan. Philaaxoos ammoo deebisee, "isin ufuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokkollee isa irratti hin arganne" jedheen. 7 Yihuudonnis deebisanii, "nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Waaqaa of-godheef akka seera keennaatti du'uu qaba" jedhan. 8 Philaaxoosis, "yommuu dubbii kana dhaga'etti ittuma caalchisee sodaate." 9 Innis mana mootummaatti ol deebi'ee, "ati eessaa dhufte?" jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus garuu deebii tokkollee hin kennineef. 10 Philaaxoosis, "maaliif na jalaa didda? Akka ani gadi si dhiisuuf yookaan si fannisuuf aangoo qabu ati hin beettuu?" jedheen. 11 Yesuusis, "ati otoo olii sii kennamuu baatee aangoo tokkollee narratti hin qabdu ture; kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun caalaatti cubbuu qaba" jedhee deebiseef. 12 Philaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin gadi dhiisuu barbaada ture; Yihuudonni garuu, "ati yoo namicha kana gadi dhiifte michuu Qeesaariitii miti; namni mootii of godhu cufti inni Qeesaariin morma" jedhanii iyyan. 13 Philaaxoosis yommuu dubbii kana dhaga'etti Yesuusin gadi baasee, bakka "dhagaa buufamaa" kan afaan Ibraayisxiitti "gabataa" jedhamutti barcumaa murtii irra taa'e. 14 Guyyaan sunis guyyaa qophii torban faasikaa ture; yeroon isaas gara sa'aatii ja'affaa ture. Philaaxoosis Yihuudotaan, "mootiin keessan kunoo ti!" jedhe. 15 Isaan garuu, "balleessi! balleessi! isa fannisi!" jedhanii iyyan. Philaaxoos ammoo, "mootii keessan fannisu moo?" jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis, "nu Qeesaar malee mootii dhibii hin qabnu" jedhanii deebisaniif. 16 Kanaaf Philaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne.

Yesuus Fannifamuu Isaa

Isaanis Yesuusin fuudhanii deeman. 17 Innis fannoo ofii isaa baadhatee bakka "buqqee mataa" kan afaan Ibraayisxiitiin "Golgootaa" jedhamutti ol-bahe. 18 Isaanis achitti isa fannisan; isa waliinis namoota gara biraa lama, tokko karaa mirgaatiin, tokko karaa bitaatiin, Yesuusin immoo jidduu isaaniitti fannisan. 19 Philaaxoosis beessisa, "Yesuus nama Naazireeti, Mootii Yihuudotaa" jedhu tokko barreesse fannoo sanatti maxxanse. 20 Bakki Yesuus itti fannifame waan magaalaatti dhiyoo tureef Yihuudonni hedduun beessisa sana dubbisaniiru; beessisni sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Girikiitiin barreeffamee ture. 21 Luboonni hangafoonnis Philaaxoosiin, "namichi kun, 'ani mootii Yihuudotaa ti jedheera' jedhii barreessi malee, 'inni Mootii Yihuudotaa ti' jettee hin barreessin" jedhaniin. 22 Philaaxoosis, "ani waan barreesse, barreesseera" jedhee deebise. 23 Loltoonni sunis erga Yesuusin fannisanii booddee wayaa isaa fuudhanii akka tokko tokko Isaan ga'utti bakka afuritti hirmaatan; kittaa isaas akkasuma godhan. Kittaan sunis hin hodhamne; olii hanga gadiittis dha'aa tokko ture. 24 Kanaaf isaan, "koottaa hin tarsaafnuu; garuu hixaa buufannee akka inni kan eenyuu ta'u ilaallaa" waliin jedhan. Kunis dubbiin Kitaabaa kan, "isaan wayaa kiyya hirmaatan; uffata kiyyattis hixaa buufatan" jedhu sun akka raawwatamuuf ta'e. Wonni loltoonni godhanis kanuma. 25 Fannoo Yesuusi biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam niitiin Qiliyophaatii fi Maariyaam ishiin Magdalaa dhadhaabachaa turan. 26 Yesuusis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaalatu sana otoo inni ishii cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, "yaa dubartiinana; kunoo, ilma kee" jedhe. 27 Barataa sanaani, "kunoo haadha tee" jedhe; barataan sunis yeroo sanaa jalqabee gara mana isaatti ishii geesse.

Du'a Yesuusi

28 Kana booddee Yesuus akka wonni hundinuu raawwate beekee akka dubbiin Kitaabaa raawwatamuuf, "nan dheebodhe" jedhe. 29 Qodaan daadhii wayinii dhangaggaawaadhaan guutame tokkos achi dhaabamee ture; isaanis daadhii sana keessa ispoonjii cuuphanii damee hiisophiitti kaa'anii afaan isaatti qaban. 30 Yesuusis eegii dhugaatii dhangaggaawaa sana fudhatee booddee, "raawwateera" jedhe; mataa buusees lubbuu isaa kenne. 31 Guyyaan sun guyyaa qophii ture; guyyaan itti aanus guyyaa Sanbata addaa ture; Kanaaf akka reeffi isaanii fannoo irra hin oolle gochuuf jedhanii akka miilli isaanii cabsamee fannoo irraa gadi buufamuuf Yihuudonni Philaaxoosin kadhatan. 32 Kanaaf loltoonni dhaqanii miila namicha jalqabaa, miila namicha isa wajjiin fannifame kaaniis cabsan. 33 Yommuu gara Yesuusi dhufanitti garuu inni du'e waan arganiif miila isaa hin cabsine. 34 Loltoota sana keessaa inni tokko garuu eboodhaan cinaacha isaa waraane; yeruma sana dhiignii fi bisaan baye. 35 Namni waan kana arges rageesseera ragaan isaas dhugaa dha; innis akka dhugaa dubbatu ni beeka; Inni akka isinis amantaniif rageessa. 36 Kunis akka wonni kitaabni, "lafee isaa keessaa tokkolleen hin cabsamu" jedhe sun raawwatamuuf ta'e. 37 Kana malees kitaabni gara biraan, "isaanis isa waraanan sana ni ilaalu" jedha.

Awwaalamuu Yesuusi

38 Kana booddees Yooseef namni Armaatiyaa kan sababii Yihuudota sodaateef dhossaan barataa Yesuusi ture sun reeffa Yesuusi fudhachuuf Philaaxoosin kadhate; Philaaxoosis isaaf eeyyamnaan dhaqee fudhate. 39 Niqoodimoos inni duraan halkaniin gara Yesuusi dhufee tures wal-makaa qumbiitii fi argeessa gara kiiloo giraamii soddomii afuri ulfaatu qabatee dhufe. 40 Isaanis reeffa Yesuusi fuudhanii akka aadaa awwaala Yihuudotaatti urgooftuu waliin huccuu quncee talbaa irraa hojjatameen kafanan. 41 Bakka Yesuus itti fannifames lafa ashaakiltii tokkottu ture; lafa ashaakiltii sana keessas bakka awwaalaa haaraya kan namni tokkolleen duraan itti hin awwaalamin tokkottu ture. 42 Sababii guyyaan sun guyyaa qophii Yihuudotaa tureef; bakki awwaalaa sunis waan dhiyoo tureef Yesuusin achi kaayan.

John 20

Awwaala Duwwaa

1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii otuma dukkanaa'ee jiruu, Maariyaam ishiin Magdalaa bakka awwaalaa dhaxxee akka dhagaan awwaala sana irraa fuudhame argite. 2 Ishiinis fiigaa gara Simoon Pheexiroosiitii fi gara barataa dhibii Yesuus isa jaalate sanaa dhaxxee, "Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaa'anis hin beennu" jetteen. 3 Kanaaf Pheexiroosii fi barataan inni kaan ba'anii gara awwaalichaa dhaqan. 4 Lachan isaaniiyyuu ni fiigu turan; barataan inni kaan garuu Pheexiroos bira dabree fiiguudhaan dursee bakka awwaalaa sana ga'e. 5 Innis gugguufee ilaalee huccuu quncee talbaa irraa hojjatame lafatti arge malee awwaalicha keessa hin seenne. 6 Simoon Pheexiroos immoo isa duubaan dhufee awwaalicha keessa seene; huccuu quncee talbaa irraa hojjatame sanas lafatti arge. 7 Akkanumas huccuu mataa Yesuusiitti maramee ture arge; huccuun sunis kophaa isaa dachaafamee bakka biraa ture malee huccuu quncee talbaa irraa hojjatame sana bira hin turre. 8 Eegasiis barataan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira ga'e sun keessa seene, argees amane. 9 Isaan waan Kitaabni akka Yesuus warra du'an keessaa ka'u dubbatu sana ammayyuu hin hubanne tureetii.

Yesuus Maariyaam ishii Magdalaatti Muldhate

10 Barattoonni sunis gara mana isaaniitti deebi'an. 11 Maariyaam garuu alaan awwaala bira dhaabattee boo'aa turte; otuma boottuus awwaalicha keessa ilaaluuf gugguufte. 12 Ishiinis maleekkota Waaqaa lama kanneen uffata adaadii uffatanii bakka reeffi Yesuusi kaa'amee ture sana, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo miila jalaan taa'ani argite. 13 Isaanis, "dubartiinana, maaliif bootta?" jedhaniin. Isiini ammoo, "Gooftaa kiyya fudhataniiru; eessa akka isa kaa'anis ani hin beeku" jetteen. 14 Yommuu waan kana dubbattee of-irra garagaltettis Yesuusii achi dhaabatu argite; garuu Yesuus ta'uu isaa hin hubanne. 15 Yesuusis, "dubartiinana, maaliif bootta? eenyu barbadda?" jedheen. Ishiin immoo, nama bakka ashaakiltii keessa hojjatu isa seetee, "yaa Gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keettee natti himi" jetteen. 16 Yesuusis, "Maariyaam!" jedheen. Ishiinis isatti garagaltee afaan Ibraayisxiitiin, "Rabbuunii!" jetteen. Hiikkaan isaas "Yaa Barsiisaa" jechuu dha. 17 Yesuusis, "ani ammallee waan gara Abbaatti ol hin ba'iniif natti hin bu'in; garuu obboleeyyan kiyya bira dhaqiitii, 'ani gara Abbaa kiyyaatiifi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessaniitti ol nan ba'a' jedheera jedhiitii isaanitti himi" jedheen. 18 Maariyaam ishiin Magdalaas gara barattootaa dhaxxee, "ani Gooftaa argeera!" jetteen; waan inni ishiin jedhe hundumaas isaanitti himte.

Yesuus Barattoota Isaatti Muldhachuu Isaa

19 Guyyaa jalqaba torbanichaa sana galgala otoo barattoonni Yihuudota sodaachuun balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Yesuus dhufee, isaan jidduu dhaabatee, "nageenni isiniif haa ta'uu" jedheen. 20 Innis erga kana jedhee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise; Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan. 21 Yesuus ammas, "nageenni isiniif haa ta'uu; akkuma Abbaan na erge sana anis isin erga" jedheen. 22 Innis eegii kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; "Hafuura Qulqulluu fudhadhaa; 23 Isin yoo namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu."

Yesuus Toomaasitti Muldhachuu Isaa

24 Yeroo Yesuus dhufetti warra kudhanii lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota waliin hin turre. 25 Kanaaf barattoonni warri kaan, "nu Gooftaa argineerra!" jedhanii isatti himan. Inni garuu, "ani bakka mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba kiyya bakka waraaname sana keessa kaawu malee, harka kiyyas cinaacha isaa keessa kaawu malee waan kana hin amanu" jedheen. 26 Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas manuma sana keessa turan; Toomaasis isaan waliin ture. Otuma balbalichi cufamee jiruus Yesuus ol galee isaan jidduu dhaabatee, "nageennii isiniif haa ta'uu" jedheen. 27 Innis Toomaasiin, "quba kee asi keessa kaa'i; harka kiyyas ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha kiyya keessa kaa'i; amani malee hin mamin" jedhe. 28 Toomaas ammoo, "Gooftaa kiyya! Waaqa kiyya!" jedhe. 29 Yesuusis, "ati waan na argiteef amante; garuu warri otoo hin argin amanan eebbifamoo dha" jedheen. 30 Yesuus barattoota isaa duratti milikkitoota dhibii kanneen Kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjateera.31 Kun garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqayyoo ta'e akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.

John 21

Yesuusii Fi Dinqii Qurxummii Qabiisaa

1 Kana booddee Yesuus ammas galaana Xibriyaadoosi biratti barattoota isaatti muldhate; haalli inni ittiin uf muldhises akkana ture; 2 Simoon Pheexiroosi, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatinaa'el namichi qaanaa Galiilaa, ijoolleen Zabdeewoosiitii fi barattoonni biraa lama wal- bira turan. 3 Simoon Pheexiroosis, "ani qurxummii qabuu nan dhaqa" isaaniin jedhe; isaanis, "nus si wajjiin dhaqna" jedhaniin. Gadi ba'aniis hoboloo yaabbatan; halkan sana garuu womaa hin qabne. 4 Akkuma lafti bari'eenis Yesuus qarqara galaanichaa dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Yesuus ta'e hin hubanne. 5 Innis isaan waamee, "ijoolle, qurxummii tokkollee hin qabdanii?" jedhee gaafate. Isaan ammoo, "hinqabnu" jedhanii deebisan. 6 Innis, "xaxoo keessan karaa mirga hobolootiin gadi darbadhaa; qurxummii ni argattuu" jedheen; isaanis xaxoo sana gadi darbatan; sababii baay'inna qurxummiitiifis xaxoo sana harkisuu dadhaban. 7 Barataan inni Yesuus isa jaalachaa ture sunis, "inni Gooftaadha!" jedhee Pheexiroositti hime; Simoon Pheexiroos ammoo yommuu "inni Gooftaa dha" jechuu isaa dhagayetti waan qullaa isaa tureef, wayaa isaa marxifatee bishaanitti gadi utaale. 8 Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lamaa caalaa hin fagaatiniif xaxoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa hoboloon dhufan. 9 Yommuu lafa gogaatti ba'anittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan. 10 Yesuusis, "mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!" isaaniin jedhe. 11 Simoon Pheexiroosis hoboloo sana yaabbatee xaxoo qurxummii gugurdaa dhibba tokkoo fi shantamii sadiin guutame sana gara lafa gogaatti harkise; xaxoon sunis qurxummii akkas baay'attuun guutamullee hin tarsaane. 12 Yesuusis, "koottaa ciree nyaadhaa!" isaaniin jedhe. Barattoota keessaas, namni ija jabaatee ati eenyu?" jedhee isa gaafate tokkoyyuu hin turre; isaan akka inni Gooftaa ta'e beekaniiruutii. 13 Yesuusis dhufee buddeena sana fuudhee isaanii kenne; qurxummichas akkasuma godhe. 14 Egaa Yesuus erga du'aa kaafamee kanaan walitti yeroo sadaffaa barattoota isaatti muldhachuu isaa ti.

Yesuus Pheexiroosin Gaafii Gaafachuu Isaa

15 Yesuus erga ciree nyaatanii booddee Simoon Pheexiroosiin, "Yaa Simoon Ilma Yohaannisi, ati warra kana caalaa na jaalattaa?" jedhe. Innis, "eeyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaaladhu atuu ni beetta" jedheen. Yesuusis, "ilmoolee hoolaa kiyyaaf nyaata kenni" jedheen. 16 Yesuus ammallee, "yaa Simoon ilma Yohaannisi, ati na jaalattaa?" jedhe. Innis deebisee, "eeyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaaladhu atuu ni beetta" jedhe. Yesuus ammoo, "hoolotax kiyya tissi" jedheen. 17 Yeroo sadaffaasi, "yaa Simoon ilma Yohaannisi, ati na jaalattaa?" jedhe. Pheexiroosis sababii Yesuus yeroo sadaffaa, "ati na jaalattaa?" jedhee isa gaafateef gaddee, "Yaa Gooftaa; ati waan cufa beetta; akka ani si jaaladhus ni beetta" jedheen. Yesuusis akkana jedheen; "hoolota kiyyaaf nyaata kenni. 18 Ani dhuguma sitti nan hima; ati yeroo dargaggeessa turtetti, ofuma keetiin mudhii kee hidhattee lafa barbaadde dhaxxa turte; Yeroo dulloomtutti garuu harka kee nidiriirfatta; namni dhibiinis mudhii kee sii hidhee lafa ati hin barbaannetti si geessa. 19 Yesuusis akka Pheexiroos du'a akkamiitiin Waaqa ulfeessu agarsiisuuf jedhee waan kana dubbate; kana booddees, "na faana bu'i" jedheen. 20 Pheexiroosis gargalee otoo barataan inni Yesuus isa jaalatu sun isaan faana bu'uu arge; barataan kunis isa yeroo irbaataatti laphee Yesuusiitti maxxanee, "Yaa Gooftaa, inni dabarsee si kennu eennu?" jedhe sanaa dha. 21 Pheexiroosis yommuu isa argetti, "yaa Gooftaa, namichi kun hoo?" jedhee Yesuusin gaafate. 22 Yesuusis deebisee, "hanga ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii kiyya ta'e, maaltu si dhibe? Ati na faana bu'i" jedheen. 23 Kanaaf oduun, "barataan kun hin du'u" jedhu obboleeyyan jidduutti odeeffame; Yesuus garuu, "hanga ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii kiyya ta'e maaltu si dhibe?" jedhe malee, "inni hin du'u" hin jenne. 24 Inni dubbii kana dhugaa ba'u, kan waan kanas barreesse barataadhuma kana; akka dhuga ba'iisi isaas dhugaa ta'es nu beenna. 25 Akkasumas Yesuus waan biraa baay'ee hojjateera; otoo tokkoon tokkoon isaanii barreeffamanii jiratanii, ani waan addunyaan mataan ishiilleen kitaabota barreeffaman sanaaf bakka ga'u qabdu hin se'u.


AMAZING GRACE BIBLE INSTITUTE